Murtiguuto official
murtiguuto official
05/01/2025
Kayyoo kenyaa qabannee bakkaan gahin yabuf malee kayyoo kenyaan kufuuf miti hubadhu
17/07/2022
“Kh”
Tibbana khalqiin “kh” irratti wal qoraasaa jira. Wal qoraasaan kun FB irratti hammaannaan anis yaada koo ibsachuuf dirqame. Dubbisaa!
“Kh”n sagalee (phoneme) malee jecha miti. Garaagarummaan inni haasawa keessatti qabaatu kan loogoo (accent) malee kan loqodaa (dialect) miti. Garaagarummaan hiikaa (meaning) hinjiru jechuudha.
“Kh”n qubee warra Saabaa keessa jira. Afaan Araabaa, Gi’iiziifi Hibru fa’a keessa jira. Afaan Adaree keessas waan jiru natti fakkaata.
“Kh”n akkamitti Afaan Oromoo keessa seene gaaffii jedhu deebisuun qorannoo barbaada. Baay’inaan garuu Oromoo Harargeetu itti fayyadamaa jira. Walitti-dhufeenya aadaa (cultural contact) Oromoo fi Arabaa irraa dhufuu mala.
Namoota “kh” barreeffama (written language) keessatti itti fayyadamuu qabna jedhan argaa jirra. Mirga isaaniiti. Garuu faayidaa maalii qaba? “Kh”n yoo “k”n bakka bu’e hiika jechaa irratti jijjiirama ni fidaa?
Ilaalacha koo
1 “Kh”n sagalee (phoneme) ergisaati malee kan Oromoo miti. Here I’m talking about sagalee (phoneme), not the letter.
2. Afaan Arabaatiin “kh” fi “k”n barreeffamaafi haasawa keessattis garaagarummaa sagalee (phoneme) qofa osoo hintaane kan hiika jechaas ni qabu. Afaan Oromoo keessatti garuu garaagarummaa hiika jechaa waan qaban natti hinfakkaatu.
3. Afaan ni dhalata, ni guddata, ni jijjiirama, ni du’a. Sagaleenis akkasuma. Kun amala afaan hundaati.
4. Afaan dhaloonni duraafi kan ammaa itti fayyadaman jidduu garaagarummaa guddaatu jira. Akkaataan Oromoon Harargee dur itti haasawuuufi kan ammaa itti haasawu garaagarummaa ni qaba. Sirboota duraaniifi kan ammaa sirritti dhageeffadhaa. Kan Baalee, Wallaggaa, Jimmaafi Booranaas akkasuma. Sababni jijjiramaa kanaa heddu ta’us teeknookojii, waalta’iinsa afaanii, waltuqiinsa aadaafi ummata (cultural contact)fi daldalaa akka fakkeenyaatti ilaaluun ni danda’ama.
Kanaafuu adaduma oolee buluun namni “kh”tti fayyadamu Harargee keessattu dhabamuun ni mala.
5. “Kh”n haasawa keessatti afaan ni mi’eessa. Sababa afaan waltessina jedhuun isa balleessuuf hojjachuun sirrii natti hinfakkaatu. Sababa amansiisaa hintaaneen barreeffama keessatti itti fayyadamuunis faayidaa waan qabu natti hinfakkaatu.
6. Dhimma “kh” nama osoo hintaane yeroon haa murteessu. Gaafa itti fayyadamni isaa hawaasa keessatti hir’ate ofiinuu bada.
7. Wal mormiin “kh” irratti taasifamaa jiru kun gara wal arrabsa “gandummaa” jedhutti cehuu hinqabu.
8. Qeesonni dur yeroo Afaan Gi’iizii barsiisan dirqiin garaagarummaa “ሀ" “ኸ” fi “ሐ” nama barsiisaa turan. Adeemsa keessa garuu namni hunda dhiisee barreeffama keessatti “ሀ” qofatti fayyadamaa jira.
9. The ongoing debate on “kh” should prompt linguists to do studies on the subject.
07/02/2021
የኦሮሚያ ኡለሞችና ዱዓቶች ሊግ 26 ሥራ አስፈፃሚዎች እና 301 ጠቅላላ ጉባኤን በማፅደቅ የምሥረታ ጉባኤውን አጠናቀዋል:: ጉባኤው 7 አንቀፅ የአቋም መግለጫም አውጥቷል::
Ibsa ijjennoo‼️
*************
Ibsa ijjennoo hundeeffama Liigii ulamaa’otaa fi du’aata oromiyaa
1/ Nuti Ulamaa’otaa fi du’aatni Naannoo Oromiyaa gaaddisa (caayaa)walitti qabaa (Liigii) ulamaa’otaa fi du’aataa Oromiyaa
guyyaa har'aa ammajjii 30 /5/2013 ijaarree jirra.
2/Akkuma danbiin ittiin bulmaata Caayaa kanaa ibsutti Qur'aanaa fi hadiisa rasuulaatti (SAW) hojjachuuf, tokkummaa muslimootaa tiksuu fi obbolummaa islaamaa jabeessuuf
ni hojjanna.
3/Bu’uura amantii keenyaa qabachuun amantiilee biroo wajjiin nagaan jiraachuufi walkabajuu barsiisuufi hojitti hiikuun
dirqama amantii keenyaa nibaana.
4/Hojiilee gurguddoo Gumiin dhimma islaamaa Oromiyaa(Majlisa Oromiyaa) hojjataa jiru
ni deeggarra, fuula duras kana caalaa hojjachuun amaanaa ummataa akka bakkaan gahan humna taanee bira dhaabbanna.
5/Majlisni federaalaa wal-dhabbii isaaniitiifi fi majlisa naannolee jidduu jiru
Akkasumas waldhabbii ulamaaotaafii boordii isaanii jidduu jiru tasgabbiifi adaba islaamummaatiin akka furu nigaafanna.
akkasumas majlisni Federaalaa alseerummaafi ummata islaamaa adda qooduu dhiisuun
itti gaafatamummaa isaa akka bahuufii
ummata muslimaa kabajamaa kana
akka bakka bu'u nigaafanna.
6 - Yeroo kamuu Ummata muslimaa addaan qoqqoodu , maqaa garagaraa itti moggaasuu
ni balaaleeffanna,
maqaa rabbiin nuun yaamee fii nuu jaalateen Muslima jennee of yaamna.
7- Liigiin ulamootaafi du'aatota Oromiyaa yoomiyyuu caalaa ijaarsa biyyaatiifi nageenya naannoo keenyaa tiksuufi eeggachuu
irratti adda dure tahee nihojjata.
Allahu Akubar.
30/05/2013 Adaamaa.
بسم الله الرحمن الرحيم
البيان الختامي
************
أصدرت رابطة العلماء والدعاة في أوروميا
بعد اجتماعها التأسيسي في مدينة أداما البيان التالي
1.
نحن العلماء والدعاة في أوروميا قد أسسنا مظلة
جامعة تسمى "رابطة العلماء والدعاة في أوروميا" وصادقنا على نظامها التأسيسي بالاجماع ،
ونسعى لإنجاح أهدافها المذكورة في النظام التأسيسي.
2-
عملا بكتاب الله وسنة رسوله صلى الله عليه وسلم
نسعى للحفاظ على وحدة المسلمين
وتوطيد الأخوة الإسلامية .
3
- نؤدي واجبنا تجاه تعليم وتطبيق مبدأ التعايش السلمي
مع غير المسلمين مع الحفاظ على ثوابتنا الاسلامية.
4-
نثمن ما قام به المجلس الأعلى للشئون الإسلامية
في أوروميا وجهوده الجبارة ونساهم
في إنجاح أهدافه وبرامجه .
5
- نطالب المجلس الفيدرالي بحل الخلاف بينه
وبين المجالس الإقليمية والبورد عبر حوار ودي وأخوي والتوصل إلى الحل ،
ونطالبهم بتطبيق القانون و القيام بمهامه
وتحمل مسؤلياته حتى يكون مجلسا يمثل الشعب المسلم لكي يقوده الى تحقيق طموحاته وتطلعاته.
6
- نرفض الالقاب المفرقة بين المسلمين
ونسمي أنفسنا بما سمانا الله بها ورضي لنا
امتثالالقوله تعالى (هو سماكم المسلمين) .
7
-نؤكد على ان الرابطة تساهم في تحقيق الأمن والسلم الاجتماعي وتوعية المجتمع .
الله اكبر الله اكبر الله اكبر
التاريخ 25جمادى الثاني 1442هـ
الموافق 30 /5/ 2013 اداما
Click here to claim your Sponsored Listing.
