Dààndii Guddiina

Dààndii Guddiina

Share

Dhugaan kan dhuunfaatti

Photos from Dààndii Guddiina's post 06/01/2026

🌳❤️
Tarre Tarree leedii nagaan geenyee Waaqaf galata🌳❤️

23/08/2025
22/06/2025

Dhukkuba Vayiresii Tiruu ( Dhukkuba Shimbirroo)

Dhukkubni tiruu kan” viral hepatitis” jedhamu gosoota vaayiresii shan (hepatitis A, hepatitis B, hepatitis C, hepatitis D fi hepatitis E virus) irraan kan nama qabu yoo ta’u, rakkoo tiruu yeroo dheeraa kan fidan hepatitis B fi C qofadha. Yeroo amma vayiresiin sodaachisaa fi biyya keenya keessattis lubbuu hedduu galaafataa jiru vayireesii tiruu isa gosa “B” jedhamu kanadha.
Vaayiresiin tiruu lubbuu namaa hagan galaafataa jiraa?
Addunyaa keenya irra namoonni gara biliyeena 2 (2,000,000,000) ta’an vaayiresii kanaan kan qabaman yoo ta’u hedduun isaanii dhiiga isaanii keessaa ittisni qaamaa (immunity) lolee kan balleessu yoo ta’u gara miliyoona 300 (300,000,000) ol kan ta,an vaayiresiin hepatitis B kun qaama isaanii keessa jiraata. Kanneen keessaa kan walakkaa miliyeenaa ta’an wagga tokko keessatti lubbuun isaanii sababa vaayiresii kanaa ni darba.
Gara biyya keenyaatti yoo dhufnu argamni vaayiresii kanaa akka dhaabbanni ittisa fi to’annoo dhukkuubootaa (CDC) gabaasetti dhibbeentaa 10 haga 20 ta’a. Kana jechuun namoota kudhan keessa namni tokko vaayiresii kana of keessaa qaba, nama biraatti dabarsuu danda’a jechuudha. Kun hagam akka inni baay’inaan argamuu fi hagam akka of eeggachuu qabnu nutti mul’isa.
Namoonni vayiresii tiruu Kanaan carraan qabamuu isaanii olka’aa ta’e namoota akkamiitii?
Nammoota mana yaalaa keessa hojjatan, ogeessota fayyaa dabalatee (dhangala’aa qaama dhukkubsataa keessaa ba’uuf saaxilamoo waan ta’aniif; namoota qunnaamtii saalaa namoota addaa addaa hedduu waliin raawwatan; dubartoota mana bunaa keessa galiif walqunnaamtii saalaa dalagan (commercial s*x workers) fi kanneen biro.
Dhukkubni Hepatitis B karaa kamiin daddarbaa?
Vaayireensiin kun akkaataan namaa namatti daddarbuu isaa vaayireesii HIV waliin kan walfakkaatu ta’ee, dandeettiin daddarbuu isaa kan vaayiresii HIV harka 50 oliin caaludha. Vaayirasiin hepatitis B kun karaan ittiin daddarbu inni guddaa karaa qunnaamtii saalaa fi meeshaalee qara qaban waliin fayyadamuudhaani. Akkasumas haadha irraa dhalatti (yeroo da'umsaa fi gadameessa keessatti), dhangalaa'aa kaamiyyuu qaama dhukkubsataa irraa gara nama fayyaatti faca'uun ni daddarba. Karaan daddarbuu isaa dhukkuba HIV waliin wal fakkaata. Haa ta’u malee carraan namaa irraa namatti daddarbuu kan virasii kanaa HIV caalaa baay’ee olka'aadha.
Dhukkubni vayireesii hepatitis B mallattoo akkamii agarsiisaa?
Vaayiresiin hepatitis B nama tokko erga qabatee booda waggoota dheeraadhaaf mallattoo tokko illee osoo hin argisiisiin dhokatee jiraata. Yeroo kana namoonni vaayiresii kana qaban (baataa) gara nama biraatti dabarsu. Waggoota dheeraa erga nama keessa turee booda vayireesiin kun suuta suutaan seelota tiruu ajjeessuun hojii ala taasisa. Kanneen biroo ammo tiruu isaanii kaanserii tiruu (hepatocellular carcinoma) qabsiisa.
Vaayiresiin kun dhukkuboota kana erga namattii fidee booda, mallattoowwan miidhamuu ykn dadhabuu tiruu argisiisan mul’isa. Mallattoon dhukkuba kana keessaa: qaamni guutummaa guutuutti (keessumaa garaan) dhiita’uu, halluun ijaa gara keellootti jijjiiramuu, haalluun fincaanii bifa cocacolla fakkaachuu, dadhabsiisuu, nyaata jibbisiisuu, balaqqamsiisuu, dhagna gubsiisuu fi kanneen birooti.
Of eeggaannoon akkamii gochuu qabnaa?
1. Namoota dhukkuba kana akka qaban beekamee fi mallattoo dhukkuba kanaa qaban (haga mana yaalaa deemnee qoorachiifnutti) harka duwwaa tuttuquu irraa of qusachuu qabna.
2. Talaalliin hepatitis B virus fudhachuun haga dhibbeentaa 90 umrii guutuu dhukkubicha namarraa dhorkuu danda'a. Talaalliin kun keessuma namoota mana yaalaa keessa hojjataniif namoota qunnaamtii saalaa namoota hedduu waliin taasisaniif hedduu barbaachisaadha. Taalaalliin kun namaoota umuriin keenya sadarkaa daa'immanii ol ta'eef kilinikoota dhuunfaa hedduu keessatti argama. Daa'immaniif garuu akkuma sagantaa talaalliitti kennamaa jira.
3. Yoo tarii osoo talaallii isaa hin fudhatiin dhiiga nama dhukkuba kana qabuu waliin walitti buutan, qorichi sa'aa 72 keessatti fudhachuu qabdan (immunoglobulin) ni jira. Kanaaf erga mudatee booda atattamaan mana yaalaa deemuun dirqama.
Namni vaayirasii tiruu Kanaan akka qabame ofirratti beeke furmaata akkamii argachuu danda’aa?
Namoonni dhiiga isaanii keessa vayiresiin kun jiraachuu fi jiraachuu dhiisuu isaa hin beekne qaratamuudhaan ofbeekuun isa jalqabaati. Keessumaa namoonni armaan olitti vaayiresii kanaaf saaxilamoo ta’an atattaamaan qoratamuun barbaachisaadha. Yoo qoratamanii dhiigni ofii vaayiresii kanarraa bilisa ta’uu beekan talaallii vaayiresii kanaa fudhachuu qabu. Namoonni qoratamanii dhiiga isaanii keessa vaayiresiin kun akka jiru beekan, qorannoon laboraatoorii hagam akka tiruun miidhamee fi waantoota gargaraa baarbaachisan tokko tokko agarsiisan dabalataan erga qoratamanii booda sadarkaa qoricha barbaachisu irraa kan ga’anii jiran yoo ta’e, qoricha vaayiresii kanaa gosa garaa garaa waan jiraniif fudhachuun ni danda’ama. Qorichoonni kunis yeroo ammaa biyya keenya keessatti waan argamaniif fudhachuun ni danda’ama.

“Fayyaan Faaya”
Dr. Gurmeessaa Hinkoosaa

Dabalataaf Telegraama Dr Ilias Abdella hordofaa!

https://t.me/Dr_Ilias_Abdela

21/06/2025

FAAYIDAA JIINJIBILAA!
***********
Jinjibilli keemikaala "Gingerol" kan faayidaalee armaan gadii kennu of keessaa qaba.
1. Feedhii (appetite) nyaataa nuuf dabala.
2. Balaqqama (balaqqama konkolaataa keessaa dabalatee) nurraa ittisa.
3. Dhukkuubbii marsaa laguu ni hir'isa.
4. Nyaati garaa keessaa daakamuu dhabuu (indigestion) nurraa eega.
5. Dhukkubbii maashaa keenyaa erga ispoortii hojjannee booda nutti dhufu hir'isa.
6. Dhukkuba kulkulfannaa buusaa fi lafee (Ostheoarthritis) jedhamu dhukkubbii isaa xiqqeessa.
7. Sukkaara qaama keenya keessaa gadi buusuun dhukkuboota karaa sana dhufan nurraa dhorka.
8. Qabiyyee qaamaa yoo baay'ate dhukkuba.
************
Fayyaan faaya
********
Odeeffannoo dabalataaf, Telegraama Dr Ilias Abdella hordofaa!

https://t.me/Dr_Ilias_Abdela

Photos from Dààndii Guddiina's post 22/09/2024

Live Well Today!
AlbertEinstein 'learn from yesterday; live well today, and hope for tomorrow. Many of us are living in our yesterdays. We still regret the mistakes we made years ago. And some of us are swimming into tomorrow; Thinking about tomorrow is only if we influence our actions today. Today is the most important day of our lives! At least it’s in our hands. So live well today, as you should!

12/01/2024

Today's best photo
❤️❤️❤️

12/01/2024

Best photo

12/01/2024

Good jobs

Done

01/12/2023

So cute 😍 💓 💗

15/09/2023

Oromummaa😍

15/09/2023

Lencho Fikru Kenea, qaxalee gurbaa! Akkas kunoo!

Leencoon gurbaa umriin xiqqaadha. Waggaa lama dura yuunivarsiitiirraa eebbifame!
Garuu hojiilee aartii Oromoo dhiyeenya bahaa jiraniif daarekteera ta’ee miidhagina addaatiin kan hojjetu tokko Leencoo dha. Kalaqa ajaayibaa, hubannoo gadi fagoo, erga olaanaa waliin akka dhalootaaf ta’utti kuulee hojjeta!

Leencoon qofdubbii (Monology) haala miidhagaa ta’een hojjechuudhaanis ni beekama. Waltajjiiwwan baay’eerratti qofdubbii daawwattoota raajeffachiisan dhiyeesseera.

Amma immoo mul’ata guddaafi kaayyoo jabaadhaan dhaabbata hundeesse! Dhaabanni kun ABBAA LATAA ACTING ACADEMY jedhama!

Akkaadaamiin kun handhuura Oromiyaa Finfinneetti hundaa’ee, diraamaafi fiilmiidhaan taatota gahumsa olaanaa qabaniifi sadarkaa aartii Oromoo tarkaanfachiisan leenjisuuf qophii xumuree jira!

Leencoo kormee namaa, bakka yaadde ga’i! Kan karoorfattes milkaa’i!

ABBAA LATAA ACTING ACADEMY

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

For Facebook
Adama