Oromiyaa Too yaa dammee

Oromiyaa Too yaa dammee

Share

09/03/2024

:
AS WR WB Obbolewwan koo marti salamtan koo bakkuma jirtanitti lagaf gaara ca'e baddaf gammojji qaxxamure isin haa dhaqqabu RAMADAAN MUBAARAK
AFOWNAALILLAAII
1 Yoon Si hamadhee jiraadhe
2 Yoon Si arrabsee jiraadhe
3 Yoon Si miidhee jiraadhe
4 Yoon Si arsee jiraadhe
5 Yoon Si tuffadhee jiraadhe
6 Yoon maqaa si xureessee jiraadhe
7 Yoon waan hamtuu sittiyaadee jiraadhe
Obboleessa Aakiraa
Obboleettii Aakiraa Rabbumaf jecha dhifama naf godhi ilmi namaa ni Dogongoraa

By Faximaa Abdii I love you ❤️ my friend my love 💓 ❤️

06/03/2024
03/03/2024

HIRIYAA ZAMANAA
~~~~~~~~~~~~~~
Hiriyaa zamanaa
Gatiin isii rakishaa
Argachuu hin rakkattu
Kiishaatu siif dhiheeysa"!
~
Argachuun rakkattuu
Kiishaatu siif dhiheesaa
Kiishiin kee guutuu taanaan
Hunduu sii obboleeysa!
~
Kiisha keetiin bitatta
Hin barbaaddu fagootti
Kiishni kee guutuu taanaan
Hundaatu fira keetii!
~
Ofiifi si barbaadaa
Bar idduma ati jirtuu
Hiriyaa akkaan gaarii
Kan akkaan si jaalatuu!
~
Haga kiishni si jiidhuu
Bitaa fii mirga kankee
Keesa kankeetii dhabnaan
Kan ta'u diina kankee!
~
Kiishni kee guutuu taanaan
Guyyaaf halkan eegaa
Guyyaa kiishiidhaa dhabde
Diina ta'ee si qeeqaa!
~
Booda kophaatti haftaa
Tasa of biraan gartuu
Xiqqoma yo bubbultee
Ni garta kan si nyaatuu!
~
Hama teeti eegalaa
Waan maqaa si xureessaa
Duratti nama taatuus
Arra ati bineensaa!
~
Wilii maqaa si nyaata
Olii fii gadi deemee
Gatii tantee qulqulluu
Arra cileedhaan dibee!
~
Karaadhattuu argituu
Salaamtaa sin gaafatuu
Salaamtaa gaafattuuhuu
Isiihuu siin deebisuu!!
~
Wilii sirraa maqeeti
Kankee oofa ololaa
Gaarii tantee waakkatee
Hamtuu tee wali coraa!!
~
Dhiiroo mee akkamittiin
Isuma kana ajjeesaa?
Jechuudhaaf ciisan qabu
Siifin qabu hirriibaa !!

SII GUUB SII GUUB
Kan keenya@Imeela keeysa
kan kee Ammoo Afaan keeysa
SII GUUB SII GUUB
✍️BY Faximaa Abdii

09/02/2024

Waan dhugaa jaalattuufi

Humnas qabaattee miti,
Kan bishaan si dadhabu,
Bareeddees kaarruu miti,
Kan biyyi siif gaggabu!

Atoo hoogganaas miti,
Hin baranne doofadhaa,
Xuriiyyuu hin dhiqattuu,
Uffannikee moofadha,

Faannikee babbaqaqaan,
Saantima fayyaa galchaa,
Dibatteen haxaawwattu,
Fuulli keetuu daalacha.

Si jaalatu si faarsu,
Akka koodee tiruutti,
Teessoorraa ol siif jedhu,
Akka mootii biyyaatti,

Dulloomtee raagdeefoo,
Haarrii hin biqilchine,
Sooreessa siin jechuuf,
Qottee hin dilbeechine,

Waa'eedhumtikee kuni,
Raajiidha nama dhiba,
Iccitiin isaa hin baramu,
Akka qixxaa irra dibaa,
Warri biyya bulchanuu,
Warreen qondaalaaf mootii

Amma kee hin kabajamu,
Warri akka soddaa kootii.
Maal? Akkamiitti, maaf?
Jennee gaafannus kalee,
Iccitiin isaa as dhiyoodha,
Hubannee reef nuu galee!

Dhugaaf kakattee duutaa,
Bubbee nagaa bubbista.
Gad jeettee harka fuutaa,
Xiqqaaf guddaa dubbista.

Maalumattuu hin sharaftuu,
Dhugaadhaaf dhagaa baattaa,
Qooqxee midhaan lagattee,
Garaakee duwwaa kaatta.

Guddaa ormaa hawwitee,
Xiqqaa kan kee hintuffattu
, Garaan kee gaarii yaadaa,
Hamaa namaan dubbattu.

Dhoksaan nuun si jaallannu,
Kan lubbuu siif wareegnuufi, I
cciitii biraa hinqabnu;

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Adama
BARRAAQA1234