Dr.FIRA Health Advice
This page was created and aimed to disseminate general health information for a needy community.
23/04/2025
"Demokraasiin Biyya kanatti ulfa seexanaa ti."Prof.Mararaa Guddina.
π¦πππ π€πππ©ππππ
Afaan saayinsiitiin ''pseudocyesis'',or "phantom pregnancy'' jedhama.
πππππ(πππππππ₯ππ π)
Dubartiin ulfa garaadha qabaachuu isheetti jabeessitee amanuu qofa osoo hin ta'in xurii laguu irraa baduu fi garaan guddachuu(ulfa fakkaachuu) dabalatee mallattolee ulfaa biroos ni qabaatti.
Haa ta'uu malee yeroo qorannoo fayyaa taasistu ulfi sirriin kan hin jiraanne dha.
Dubartoonni rakkoon akkasii irratti mul'achuu danda'u eenyu fa'i?
(π£ππ€π ππππ₯π π£π€)
1.Dubartoota fedhii ulfa ta'uu jabaa qaban
2.Dubartoota irra deddeebiin ulfi irraa ba'e ykn ilmoon jalaa hammaatte(miidhamte)
3.Dubartoota rakkoo sammuu biroo qaban(dhiphuu sammuu)
4.Dubartoota daa'ima akka godhataniif dhiphuu hawaasummaa (Societal pressure) qaban
Akkamitti beekama(ππππππ π€ππ€)
Ogeessi mana yaalatti qorannoo godhamuun.
Qorannoon ulfa negative ta'uu fi altirasawundii yeroo laalamtu gadaamessi duwwaa ta'uu.
πͺππππ(π₯π£πππ₯ππππ₯)
1.Gorsa xiinsammmuu laachuu fi jajjaabeessuu
Dubartoonni rakkoo akkasii qaban,rakkoo kana qabaachuu isaanii jabeessanii waan mormaniif amansiisuun ulfaata ta'a.
Kanaaf irra deddeebiin beellama laachuu fi suuta jedhanii hubachiisuu barbaachisa.
2.Rakkoo xiinsammuu(underlying psychiatric problem) kan biroo yoo qabatan yaalu.
Β©ππ.πππππ'ππ ππππππ(ππππππππππππππ πππππ ππ πππππππππππ)
Dadhabuu Qaama saalaa Dhiiraa!
Hordoftoota fuulbarruu(page) kanaa akkam jirtu?
Sababoota adda addaatiin yeroo dheeraaf si'oominaan asirratti odeeffannoo fayyaa dabarsuuf hin dandeenye ture.
Kanaafis dhiifama isiin gaafachaa.
Kana booda humna fi kutannoo haaran waa'ee fayyaa qaama hormaata fi dubartii ulfaa irratti isiin waliin ta'uu koo isiniif ibsa.
Karaa tiktok account link armaan gadiitinis maatii akka taatan isiin affeera.
Fayyaa ta'aa!
Horaa deebana!
Dr.Firaa'ol Girmaa
Ispeeshalistii ulfaa fi gadaamessaa
tiktok.com/
Follow my tiktok account through below link
Tiktok account kanas follow tolchaa mee yaa sabaa!
tiktok.com/
Qoricha ciniinsuu(Lilmeen dahuumsa maali?
21/04/2024
Namni kun nama fiigichaaf of kenne.He is a real professional athlete.He is simply a Symbol of perseverance and winning mentality.
Umrii 41 tti fiige record foyyeessuun isaas kanuma nutti mul'isa.
Congratulation Kenenisa Bekele
24/01/2023
Kiniina ulfa ittisu/dhowwu
Kiniinni ulfa ittisu akkamitti dalaga?
οΌ Kiniinni ulfa ittisu dhiiga keenya keessatti hormonii gadi lakkisuun dhaamsa sobaa ulfi uumame jedhu sammuu keenyatti dabarsuun,ovariin akka hanqaaquu hin oomishne ittisuun akka ulfi hin uumamne dhorka.
οΌ Kiniinni ulfa ittisu akkuma qabiyyee hormonii isaaniitti gara gra taβaniis,baayβinaan kan itti fayyadamnu combined oral contraceptive(COC) ykn isa choice jennuun jechaa dha.
οΌ Ulfi hin barbaachifne akka hin uumamne yeroo xuriin laguu dhangalaβu guyyaa duraa irraa kaase hamma guyyaa shanii keessatti kiniina kana liqimsuu jalqabuun,guyyuutti yeroo isaa eeganii fudhachuun ulfa ittisuun ni dandaβama.
οΌ Guyyaa kanneenin alatti yoo jalqabame,guyyoottan itti aanan torbaaf(7f) walqunnamtii saala gaggeessuu dhiisuu ykn kondommiitti fayyadamuun ulfa ittisuu ni dandaβama.
οΌ Kiniiniin ulfa dowwu,ulfa ittisuun alatti faayidaalee biros ni qaba. Isaaniis:
1.xurii laquu jeeqame/yeroo isaa hin eegganne ni sirreessa
2.finnisni akka hin heddummanne ni hirβisa/ni dhorka
3.infeeksina gadaamessaa ni xiqqeessa
4.kulkula ykn dhiitaβuu ovaarii fi kaansarii ovarii ni hirβsa
οΌ Kiniinni ulfa dhorku dubartoota hundaaf fayyadamuun ni tahaa?
οΌ Deebiin lakkii hin tahuu dha.
1.dubartoonni dhibee qorriinsa dhiiga(thrombophilia) qaban
2.dubartoonni dhibee onnee dhiphachuu hidda dhiiga waliin walitti hidhata qabu qaban
3.dubartoonni dhibee sukkaaraaa yeroo dheera irra ture qaban
4.dubartoonni kansarii harmaa dhukkubsatan
5.dubartoonni dhibee tiruu qaban
6.dubartoonni dhibee mataa dhukkubbii(maygireenii) qaban
7.dubartoonni tamboo xuuxan kan umriin isaanii waggaa 35 caalu
Kiniina ulfa ittisu kana akka fudhatan hin heeyyamamu
Β© Dr. Firaaβol Girmaa(Ispeeshaalistii ulfaa fi gadaamessaa)
Amajjii ,2023
Adaamaa
01/04/2022
Mallattoolee hamoo yeroo ulfaa(Danger signs during pregnancy)
-Dhukkubbii mataa hamaa(headache)
-Dhukkubbii qara laphee jalaa(epigastic pain)
-Qaanqeen ija dura nama faca'uu ykn yoo ilaalan sirriitti hubachuu dhabuu(blurring of vision)
-Dhangala'uu dhiiga karaa gadaamessaa(Vaginal bleeding)
-Dhangalahuu bishaanii karaa gadaamessaa(Gush of fluid per va**na
-Sosochiin ilmoon garaa keesatti gootu hir'achuu(decreased fetal movement)
-Dhukkuubbii garaa fi gadi dhidhibbaa(abdominal pain and pushing down pain)
Dubartii ulfi takka mallattoolee kanneen yoo qabaatte ogeessa fayyaatiin ilaalamuun baay'ee barbaachisa dha.
Dr.FIRA Health Advice
Click here to claim your Sponsored Listing.

26/09/2024