Oolmaa dhibee koronaa Itoophiyaa.

Oolmaa dhibee koronaa Itoophiyaa.

Share

About corona disaes in ethiopia

02/07/2022

07/05/2021

Weerarri vaayrasii koroonaa Afrikaatti daraan babal’achuu danda’a – Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

Finfinnee, Eebila 29, 2013 (FBC) – Afrikaatti weerarri vaayrasii Koroonaa daraan babal’achuu akka danda’u Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa hubachiiseera.

Dhaabbatichi gosti vaayrasichaa haaraan Ardichaatti muul’achuun, dhiyeessiin talaallii turuu fi rakkoon talaallii laachuu waliin walqabatee jiru weerarichi irra deebiin akka babal’atuuf sababa ta’uu danda’a jedheera.

Gosti vaayrasii koroonaa yeroo jalqabaaf Hinditti argame B. 1.617 jedhamu Afrikaatii biyya tokko keessatti muul’achuu fi gosti biroo yeroo jalqabaaf Afrikaa Kibbaatti argame B.1.351 jedhamu biyyoota Afrikaa 23 keessatti muul’achuu ibsameera.

Akkasumas gosti vaayrasii koroonaa yeroo jalqabaaf Biriitaaniyaatti argame B.1.1.7 jedhamun moggaafame biyyoota 20 keessatti babal’achuu himameera.

Afrikaatti talaallii miiliyoona 37 keessaa hanga ammaatti kan laatame walakkaa qofa ta’uu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibseera.

Haalli yaaddeessaan Hinditti muudate Afrikaattis akka hin qaqqabne of eeggannoo cimaan taasiifamuu akka qabu Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daayreektarri naannoo Afrikaa Maatshiidiisoo Moo’eeti hubachiisaniiru.

Afrikaatti hanga ammaatti namoota vaayrasichaan qabaman miiliyoona 4.6 ol keessaa lubbuun namoota kuma dhibba 1 fi kuma 23 olii darbuu eerameera.

Maddi:-CGTN

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

06/05/2021

Hinditti sa’aatii 24 darbe keessatti namoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 12 ol koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Eebila 28, 2013 (FBC) – Hinditti sa’aatii 24 darbe keessatti namoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 12 fi 262 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota kuma 3 fi 980 darbuu ibsameera.

Indiyaatti hanga ammaatti namoota miiliyoona 21 fi kuma 77 ol vaayrasichaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma dhibba 2 fi kuma 30 fi 168 darbuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiseera.

Namoonni miiliyoonni 17 fi kumni dhibbi 2 fi kumni 80 fi 844 ammoo dhibicharraa dandamataniiru.

Maddi:- Al jazeera

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

12/10/2020

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 902 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Fulbaana 29, 2013 (FBC) - Gabaasa qorannaa sa'aa 24 kaleessa darbeetin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 902 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame.

Qorannaan laabraatoorii samuudaa 6,668 kan hojjetame yoo ta'u, namoota 902 irratti vaayrasichi argameera.

Haaluma kanaan namoonni waliigalaan vaayrasichaan qabaman 81,797 qaqqabaniiru.

Gabaasa Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 764 dandamachuun ibsameera.

Namoonni waliigalaan hanga ammaatti dandamatan 36,434 qaqqabuun eerameera.

Gabaasa qorannaa sa'aa 24 darbeetin lubbuun namoota 7 darbuun kan ibsame yoo ta'u, waliigalaan vaayrasichaan namoonni lubbuu isaanii dhaban 1,262 qaqqabeera.

Yeroo ammaatti namoota vaayrasichi irra jiru 44, 099 keessaa 253 hordoffii wallaansa fayyaa cimaa keessa jiru.

Biyyattiitti hanga ammaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 327 fi 832 qorannaan laabraatoorii hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Photos 09/10/2020

Itoophiyaatti namoonni haaraa 865 Covid-19 qabaman, 9 du’an
****************
Itoophiyaan sa’aatii 24 darbanitti namoota 8,024’f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee vaayirasichi namoota 865 irratti argamuusaa ministeerri fayyaa biyyattii ibseera.

Kanaanis biyyattii keessatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii 82,662’tti ol guddateera.

Gama kaaniin namoonni haaraa 668 koronaavaayirasiirraa kan bayyanatan yoo ta’u, hamma ammaatti namoonni 37,102 vaayirasicharraa bayyanataniiru.

Namoonni haaraa sagal ammoo qorannoo sa’aatii 24 darbaniin lubbuusaanii dhabuunsaanii kan beekame yoo ta’u, walumaa galatti namoonni 1,271 du’uu ragaan ministeera fayyaa ni agarsiisa. aniiru.

Odeessaalee kaaniif bbcafaanoromoo.com

08/10/2020

Finfinnee, Fulbaana 28, 2013 (FBC) - Gabaasa qorannaa sa'aa 24 kaleessa darbeetin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 892 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame.

Qorannaan laabraatoorii samuudaa 8,254 kan hojjetame yoo ta'u, namoota 892 irratti vaayrasichi argameera.

Haaluma kanaan namoonni waliigalaan vaayrasichaan qabaman 80,895 qaqqabaniiru.

Gabaasa Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 710 dandamachuun ibsameera.

Namoonni waliigalaan hanga ammaatti dandamatan 35,670 qaqqabuun eerameera.

Gabaasa qorannaa sa'aa 24 darbeetin lubbuun namoota 17 darbuun kan ibsame yoo ta'u, waliigalaan vaayrasichaan namoonni lubbuu isaanii dhaban 1,255 qaqqabeera.

Yeroo ammaatti namoota vaayrasichi irra jiru 43, 968 keessaa 245 hordoffii wallaansa fayyaa cimaa keessa jiru.

Biyyattiitti hanga ammaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 321 fi 164 qorannaan laabraatoorii hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Photos from Toosh Tarree Page's post 27/06/2020
Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Adigrat?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

Finfine
Adigrat
ADU