Dinal islaam Badhaasa rabbiiti
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dinal islaam Badhaasa rabbiiti, Agaro.
16/08/2025
📢 Raajii Guddoo…
Ibsa har’a Is # ’iil Lafa Waadaa “Is**iil guddoo” jedhu ijaaruuf tarkaanfii hojii eegaluuf baafte ilaalchisee, dubbiin addunyaa rifachiise dhalateera. 🌍⚡
Yeroo ammaa mootummaan Is**iil fi hooggantoonni hedduun, kitaaba kakuu moofaa irraa odeeffannoo fudhachuun, kaartaa biyyoota Islaamaa bal’aa irratti mallattoo diimaa kaa’uun: “Kun hundi qabeenya Waaqni nuuf waadaa gale macaafaa keessatti” jedhanii ibsa ifatti mul’ate kennaniiru. 📜🔴
⸻
📌 Kun akkaataa yaada isaaniitti, Is**iil guddoo jechuun:
• 📍 Qindeessaa isaanii keessatti kaartaan sun biyyoota akka Lubnaan, Suuriyaa, Ordon/Joordaan, Siinaa’a Masrii, kutaa Suudaan kaabaa, kutaa Sa’uud Arabiyaa, fi guutuu Fala**xiin of keessatti hammata.
• 📜 Fakkenyaaf, macaafaa isaanii keessatti waadaa Abrahaam, Is-haaqii fi Ya’aqoob irratti ibsamee dha. Kana akka waadaa Waaqaaatti fudhatuun siyaasa isaaniitiin wal qabsiisaniiru.
⸻
📖 Qabiyyeen yeroo hedduu ittiin deeggaran keessaa Macaafa kakuu moofaa keessaa:
• Seeraa Uumama 15:18 – irratti akki jedhu “Lafa laga Masrii irraa hamma laga guddicha Ifraaxisitti sanyii keetiif nan kenna.”
• akkasuma macaafa Keessa Deebii 34:1-4 keessatti bal’ina lafa waadaa nuuf galame waaqni lafa nuuf kaa’eera jedhu.
🗺 Kaartaa “Is**iil Guddoo “ jedhamanii Biyyoota irratti mallattaa’ee keessaa:
• 🇵🇸 Guutuu Fala**xiin
• 🇱🇧 Lubnaan
• 🇸🇾 Kaabaa Suuriyaa
• 🇯🇴 Bahaa Joordaan
• 🇸🇦 Kaabaa Sa’uud Arabiyaa (Madiinaa wajjiin)
• 🇪🇬 Siinaa’a Masrii
• 🇸🇩 Kutaa Suudaan kaabaa muraasa
Kun hundi yeroo ammaa biyyoota Muslimootni guututti keessa jiranii dha. 🕌🌙
🌐 Falmiin fi Balaaleffannaa Biyyootni Islaamaa gariin — Masrii fi Sa’uudii dabalatee — jechoota balaaleffannaa maxxansaa jiru. 📰✋
Hantuutnu duuti jala geesse afaan adurree/bashoo arraabdi,
Osoo haatu lukkuun ablee ittiin duutu baafte,
Harreen haada kutte jennaan,
Tan hafteefuu ofitti gabaabsite jedhe Oromoon.
Yeroon biyyootni Arabaa ruuza ofirraa hargufanii ka’an geesse fakkaatti…
Tarii kutaale
11/08/2025
Atis Deemtee Yaa Anas…
Sagalee Ga**zzaa jedhamuun kan beekkamu, Gaazixeessaan Anas Shariif,
Akkasuma gaazixeessaa Muhammad Qureyqi’ii
fi Kaameraamaanota lama wajjiin
bakka takkatti Eddoo qubannaa isaaniitti Is**iil amma galaafatte.
Anas Shariif- Bara 2000 hanga 2025tti.
Waggaa 25 Sagalee Tahe!
• Hanga ammaatti
• Gaazixeessitoota 192 wareegamaniiru.
📰📸💔
31/07/2025
allaah
Kun waan hedduu nama gammachiisu, masaraan mootii abbaa jifaar akkanatti haaromsame arguun hedduu nama gammachiisa.
Abbaan jifaar mootota shanan gibee keessaa tokkoodha, garuu wanti isaan adda godhu ulamaa'itti maxxaniin gorsa isaaniitiin deemanii mootummaa achitti dhaaban baraaranii, islaamummaan bulchaa turuu isaaniiti.
24/07/2025
“ Nama Waan isaaf tumsu RABBIIN malee hin qabne: eeggadhu “
Umar Bin Khaxxaab
رضي الله عنه
20/07/2025
Mootiin waggoottan 20f rafaa ture gama fuula Rabbii deemuun ibsame
**********
Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun
Mootii rafaa jiru jedhamuun kan beekamu Ilmi mootii Sa'uudii Alwaleed bin Khalid bin Talal bin Abdulaziiz Al Sa’uud kan waggoottan 20 oliif koomaa keessa ture gama fuula Rabbii adeemuu Royan abbaasaa Khalid bin Talal bin Abdulaziz fuula X isaanii irratti ergaa maxxansaniin mirkaneessaniiru jechuun daqiiqaa muraasa dura gabaaseera. Gabaasa walfakkaataa page'n Life in Saudi Arabia jedhamus maxxanseera.
'Mootii waggoottan 20f rafaa (koomaa keessa) ture kun eenyu? Maaltu isa mudate? Kan jedhu irratti barruu kanaa gadii maxxanseen ture.
****
Ilmi mootii Sa'uudii Al-Waleed bin Khaled bin Talal Al Saud waggqa 20 dura balaa konkolaataa isa mudate hordofee erga koomaa keessa seenee hanga ammaatti of hin beeku ykn dammaqee hin beeku.
Balaan kun yerositt kan isa mudate London keessatti yoo ta'u hedduun garuu ''balaa konkolaataa'' isa jedhu kana akka hin taane himu.
Obbolaadhuma isaa warra mootiitiin bifa balaa fakkaatuun 'yaalii ajj*eechaa' tu isarratti raawwatame jedhu.
Konkolaataa daaraa taate keessaa lubbuun hafuun isaatuu ajaa'iba namatti ta'a.
Waliid yeroo ammaa umriin isaa waggaa 36 kan ta'e yoo ta'u hospitaala King Abdulaziz Medical City in kan Sa'uudiidhuma keessa jiru keessa ciisee jira.
Ogeeyyiin yaalaa fayyaan Waliid abdii hin qabu, lubbuun isaa akka xumuramu yeroo baay'ee haasa'anillee abbaan abadan Rabbi irraa abdii hin kutadhu jechuun dide.
Namni hunduu du'aa'ii akka godhuufis gaafateera.
Waggaa 9 dura Waliid bakka ciisutti mataasaa sochoosee akka ture gabaasaalee ba'an irraa (video) hubachuun kan danda'amu yoo ta'u yerositti abdii guddaas ta'e ijoo dubbiis ta'ee ture.
07/06/2025
Sagaleen wacu hundi isa harkaa wal hin dhahu, gaafiin asii ol yaa’u heddummaatus isa hin dogoggorsu, hawwiin uumamtoota isaa isa hin rakkisu. Yoo hunduma isaaniif kenneyyuu, homtuu mootummaa Isaa irraa hin hir’atu. ! Guddattee YAA RAHMAAN!
Inni kuun qabeenya barbaada, kaan haadha manaa kadhata, kaan ilmoo hawwa, kaan fayyaa gaafata, kaan immoo rakkoo isaa irraa akka hiikamu kadhata.
Kaan Afaan Hindiin kadhata, kaan Afaan Raashiyaan itti waywaata, kaan Afaan Arabaan kadhata, kaan immoo Afaan Ingiliziitiin,kaan afaan oromoo,kaan afaan Anuakaa,kaan afaan surmaatiin…rakkoo isaa himata!
Afaanota addunyaa isatu uume akkamiin isa dhibaree?
Hunduu laga isaatii waraabata,takkaa hin hir’anne. Hunduu itti lallabata takaa jalaa hin dinne. hunduma isaanii ni dhagaha.tokkos harka duwwaa deebisee hin beeku.
Dhugumatti Inni Samii’a (Kan Dhagahu), Mujiiba (Kan Awwaatu), Gooftaa bareedaa akkanaatti amanne! 💙
Gammadi Yaa Kan Isa Argatte!
30/05/2025
Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun
Wareegamni mujaahid Sheyik Dr. Naa'il Misran mirkanaa'eera.
Sheyikichi haleellaa diinni Kibba Gaz💔zaa Magaalaa Al-Qaraaraatti 🇵🇸 wareegame. Rabbi shahi*idummaa kee sirraa haa qeebalu yaa dhiiraa
30/05/2025
Imaama fi khaxiiba makkaa beekkamaa Kan tahe Sheikh Yasir Addowsariin, fuula Facebook isaaniitiin obbaleeysa keenya Kan aalamni guutuun seenaa isaa barreessaa jiru barreessee ture. Maal ja'e?
"Yaa Ammar! hariiroo akkamuma Rabbii wajjii qabda, Kan amriin hundi siif jacha laaffifamte?
Hadaraa namni harama keessatti isaan walqunnamtan du'aa'ii goosifadhaa" ja'ee barreesse.
Rabbiin dhiira jajjabdoo akkanaa qaba!
02/05/2025
Kuni Khadiir Martuuti..
Suuraa qabsoo oromooti!
Qabsoo bosonaa irraa,hanga mana hidhaa suudaanitti… Qaamaan hidhamuu irraa hanga sammuun saba kanaaf miidhamuutti…!
gidirsaa saba kanaaf waggoota hedduu gosa hundaan simatee saba kanaaf gumii kafalaa ture…
Maatii fi ilmaan isaa irraa baqatee hanga kophaa addunyaa oromoon guute keessatti kophaa hafutti… Wareegama kafalee jira!
Kuni daldala osoo hin taane qabsoo dha!
Qabsaa’otaa fi hayyootni saba kanaa amma dura addunyaarraa deeman harki caalu gubatanii suuraa namaa fixatanii bifuma kanaan ulee jiruu achi erkisanii addunyarraa godaanan!
Waggoota 7 dura irraa dhibee Xiin-sammuutiin qabamee akka miidhamaa ture,ummanni Oromoo kuni osoo argu cal’isee laaluu filate!
Kunoo gaafa inni qaamarraa foon fixatee lafee qofaan siree hospitaalaa irratti hafe akka waan har’a arganiitti didiichaa jiru!
Oromoo! RABBI Amala kana sirraa haa jijjiiru!
Hunda dura RABBIIN fayyaa isaatiin isa haa faayu. Akkuma amma dura Towbatee sabaataa isaaf haa laatu.
Amma hanga ajandaan biraa dhufee isin harkaa gatutti namuu haa wacu!
29/04/2025
بُشرى ساَره
خبرٌ يُفرِح القلوب ويُبهِج النفوس – لقد تمّ انتخاب مفتي إثيوبيا، الدكتور جيلان خضير غمدا، مرةً أخرى في منصبٍ رفيع ومشرّف!
ففي مؤتمر علماء أفريقيا الذي عُقد بالأمس، تم انتخابه نائبًا لرئيس مجلس علماء أفريقيا، وهو منصب يُعدّ من أعلى المناصب في مجال الدعوة والتنسيق بين العلماء في القارة.
إنّ الدكتور جيلان، بعلمه الغزير ورؤيته الواسعة، مثّل صوت الحق والاعتدال في أفريقيا، وها هو اليوم يُكرّم بهذه الثقة الكبرى ليواصل مسيرته في توحيد كلمة العلماء وخدمة الإسلام والمسلمين في أفريقيا.
نسأل الله أن يبارك في جهوده ويوفقه لما فيه خير الأمة.
مباركٌ لنا، ومباركٌ لأفريقيا، ومباركٌ لكل مسلم غيور.
24/04/2025
Akbar
Haafiz Daawud Sulaymaan dorgommmii Hifzii Qur'aanaa Sa'uudiitti gageeffame sadarkaa 2ffaan xumuruun badhaasota garaa garaa injifateera.
Dorgommii Hifzii Qur'aanaa kana kan qopheesse Ministeera Manneen barnootaa Sa'uud Arabiyaa yoo ta'u Haafiz Daawud Sulaymaan dorgommicha sadarkaa lammaffaadhaan injifachuun badhaasa riyaala Sa'uudii kuma kudha lamaafii sartifikeettii badhaafameera.
Click here to claim your Sponsored Listing.
