Hawi kalifa

Hawi kalifa

Share

Life is amazing

30/08/2023

Torban Guyyaa Qiyaamaa Gaaddisa Arshii Jala Taa’an
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam akkana jedhan:

Guyyaa Qiyaamaa Aduun hamma taakkuu tokkoo namitti gadi dhiyaattee ilma namaa gar malee gubuun dafqi isaanii lafa keessa dhundhuma 70 gadi seenee sana booda ol deebi'ee hammuma dilii/zambii/ isaaniitiin akka nama garba bishaanii keessa dhaabbatuu garii dafqi isaanii hamma koomee, garii hamma jilbaa, garii hamma mudhii, gari hamma mormaa garii immo dafqi kun qaama isaa guutuu liqimsa jedhan (S.A.W)

Guyyaa hamaa gaaddisa Arshii malee gaaddisni tokko hin jirre kana rabbiin namoota 7 gaaddisa Arshii jalatti isaaniif gaaddiseessa jedhan (S.A.W)

1. Nama 2 kan rabbiif jecha diin irratti wal jaalatee osuma wal jaalatuu gar gar bahe

2. Nama sadaqaa dhoksee hamma wanta mirgi isaa kennitu bitaan isaa hin beeknetti rabbiif jecha naa haa arganii qalbii keessa hin qabne sadaqatu

3. Nama tokko kan kophaa taa'ee rabbii isaa oso zakkaruu ijji isaa sodaa rabbiitiif imimmaan dhangalaafte

4. Nama intallii baay'ee bareeddu akka inni wajji rafu gaafattee ani rabbin sodaadha jedhe haraama dalaguu irraa lubbuu isaa of qabe

5. Nama yero hunda lubbuun isaa Masjiidatti rarraatu kan yero hunda masjiidatti salaatuu jaalatu

6. Duree Islaamaa kan wal qixxummaan muslimoota hogganu

7. Dargaggeessa xiqqeenya irraa eegalee ibaadaa rabbii irratti guddate jedhan (S.A.W)

Yaa Allah jara 7n kana irraa nu taasis yaa rabbi yaa Allah!

SHARE WALIIF GODHAA ... JZK

29/08/2023

Foolii Qaamaa Badaa fi Dafqa Bobaa Jalaa (Bromhidrosis)

Namoota tokko tokko irratti dafqi qaamaa, keessattuu kan bobaa jalaa, ni baay’ata. Dafqi baay’atu kun ammoo qaamni keenya foolii badaa akka qabaatuuf sababa ta’uu mala. Kun ammoo ofitti amantummaa keenya gadi buusuun hariiroo nuti qaamaan namootatti dhihaannee goonu irratti akka of shakkinu godha.

wantoota foolii qaamaatiif nama saaxilaniif haala foolii kan ittiin hirdhisuu ykn balleessuu dandeenyu tokko tokko haa ilaalluu:

Qaamni keenya xannachoota xixiqqoo dafqa maddisiisan (sweat glands) miliyoona sadihii hanga afurii ta’an gogaa keenya irraa qaba. Isaanis akaakuu lama qabu. Inni tokko (Eccrine glands) gogaa qaama keenya uffisee argamu hunda irratti kan argamuufi hoo’a qaama keenyaa to’achuuf dafqa haphii akka bishaanii kan maddisiisu dha. Inni lamataa (Apocrine glands) ammoo gogaa naannoo qaccee harmaa, bobaa, qaama saalaa fi naannoo gurraatti kan argamuu dha.

Xannachi kun harma irratti aanan maddisiisa, gurra keessaatti ammoo guurii gurraa kan maddisiisu yoo ta’u, gogaa akka bobaa jiraniif ammoo dafqa yabbuu ta’e kan pirootiiniif keemikaalota biraa qabu maddisiisa.

Dafqi yabbuun inni xannacha akaakuu lammataatiin maddisiifamu kun pirootiinii inni qabu baakteeriyoota gogaa keenya irra jiraataniin gara Aasidii ykn keemikaala foolii badaa qabuutti jijjiirama. Sababa kanaaf qamnii naanno bobaa foolii badaa qabaata.

Namoota foolii badaa qaamaatiif saaxilaman keessaa:

Namoota Furdinna garmalee gudda ta’e qaban.Namoota yeroo baay’ee nyaata zayitiin, Qullubbiin, Shunkurtiin, itti baay’ate fayyadamanAlkoolii, Buna, Sigaaraa baay’isanii fayyadamuuNamoota hedduminnaan foon diimaa nyaachu guddisanNamoota dhukkuba Sukkaaraa qaban fa’a.

Karaalee foolii qaamaa ittiin hirdhifnu yookin balleesinu:

‣ Qulqullina dhuunfaa keenya eeguun:- Qaama keenya bishaan hoo’aa dhaan dhiqachuu. Bishaan hoo’aan dhiqachuun baakiteeriyoota gogaa keenya irratti argaman kan dafqi keenya akka foolii badaa qabaatuuf sababa ta’an xiqqesu

26/08/2023

DHUKKUBA DHIIBBAA DHIIGAATIIF:
*************************************
☆ Nyaata sooqidda hin qabne nyaachuu ykn
sooqidda nyaata keenya keessaatti daran xiqqeessuu (guyyatti wolumaa galatti sooqida moonqaa shaayii tokkoo gadii ykn guutumatti nyaata sooqida hin qabne fayyadamuu).

☆ Fuduraaf Kuduraa Pootashiyeemi baay'ee of keessaa qaban kan akka Muuzii, Abukaadoo, Aapilii, Mixaaxisha(Dinnichaa mi'aa), Shaanaa fa'a fayyadamuu. Hundee diimaa, kaarotii fi qullubbiis fayyadamuu.

☆ Nyaata akka foon diimaa, coomaa fi dhadhaa daran xiqqeessu (torbaanitti si'a tokko). Nyaata hapheeffamanii gurguraman xiqqeessuu.

☆ Tamboo ykn Sigaaraa aarsuu dhabuu ykn kan aarsanis dhawaataan dhaabuu.

☆ Hamma Alkoolii dhugnu guyyatti dhiiraaf gara biiraa lamatti, dubartiif ammoo gara biiraa tokkotti, gadi buusuu ykn guutumaan guutuutti dhiisu. Dhugaatileen adda addaa hammi alkooliin isaan qaban garagara waan ta'eef dhiiraaf alkoolii 28g (giraama 28) dubaraaf ammoo 14g gadi ta'uu qaba. Ykn Guutumatti dhuguu dhabuu.

☆ Buna baay'isanii dhuguu dhabuu. Bunni namoota tokko tokko irratti dhiibbaa dhiigaa yeroo gabaabduuf haalaan ol kaasuu danda'a. Saniin alattii itti fuufiinsaan dhiibbaa dhiigaa kan ol hin kaafne ta'uu qorannooleen garagaraa ni addeessu.

☆ Sochii qaamaa ( deemsa ariifanna, daakkaa, daansii, kubbaa miilaa, fiigichaa fi kkf) guyya guyyaan daqiiqaa soddomaaf yoo xiqaate torbaanitti guyyota shaniif hojjachuu. Kana yeroo dheeraaf hojatanii addaan kutuun dhiibaan dhiiga akka ol ka'u godha. Kanaaf dhaabbanaan hojjachuun barbaachisaadha.

☆ Dhiibba dhiigaa keenya yero yeroon saffaramuu, hordoffii yaalaa haalaan hordofuu. Hanguma danda'ameen cinqaamuuf dhiphachuu dhabuu. Hunda caalaa gorsa doktorri keenya nuuf kennutti fayyadamuu.

----
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!

26/08/2023

TAAYIFOODI - Typhoid Fever
*****************************
Taayifoodiin baakteriyoota "Salmonella Typhi" ykn "Salmonella Paratyphi" jedhamuun dhufa. Dhukkubni kun biyyoota guddataa jiran keessatti bal'innaan kan mul'atu fi cinqaa ta'uyyuu, biyyoota guddatan keessatti hedduu hin muldhatu.
---
---
Taayifoodiin yeroo baay'ee nyaata qulqullinna hin qabne fayyadamuun, bishaan qulqulluu hin taane dhuguudhaan, fuduraaf kuduraa dheedhii naannoo bobbaa itti bahanitti biqile nyaachuun, akkasumas nama dhukkuba san qabu wojjiin hariiroo/wolitti dhiheenya qaamaa dhihoo qabaachuudhan daddarba.

Dandeettiin dhibee ittisuu qaamaa gadi bu'uun, akkasumas dhukkuboonni ykn qorichoonni aasidii garaachaa hirdhisan carraa dhukkuba kanaan qabamuu ol kaasu.
---
---
Mallatooleen dhukkuba kanaas erga wontoota dhukkuba kana namatti fidaniif saaxilamanii booda torbaan tokkoo hanga sadihii keessatti mul'atu malu.
---
---
Mallatooleen isaas:
* Hoo'a qaamaa guyyaa gara guyyaatti dabalaa deemu/ Hoo'a ol'aanaa
* Bowwoo /dhukkubbii mataa
* Nama dadhabsiisu
* Nama dafqisiisuu, hollachisuu, ykn qorrachiisuu
* Fedhiin nyaata hirdhachuu ykn dhabamuu
* Nama lolloojjessuu ykn haqqisiisuu
* Garaa nama gogsuu ykn nama baasuu
* Maashalee harkaafi lukaatti dhukkubbiin namatti dhagahamu
* Garaan nama muruu/dhukkubii garaa
* Shifiniinii xixiqqoo gogaa garaa, laphee fi qomaa irratti mul'atan

Hub: Mallatooleen armaan olii hundi yeroo tokkotti/wol faana mul'achuu dhabuu danda'u.
---
---
Rakkinnoolee Taayifoodiin darbee darbee (keessattuu yoo otoo hin yaalamin hafe) qaama keenya irratti fiduu danda'u:
▪︎ Mar'umaan keenya quunca'e akka dhiiguufi urame akka qaawula bahu gochuu danda'a
▪︎ Darbee darbee Infeekshinii Kalee, Afuuffe fincaanii, Maashaa onnee, Somba, Rajiiji, Tiruu, Manjalloo, Nama suursuu/waan dhukkuba akka qalbii fa'a fiduu danda'a.
---
---
Maal haa goonu?
• Qulqullina nyaata keenyaa eeguu.
• Bishaan qulqulluu fayyadamuu
• Mana fincaanitti fayyadamuu
Horaa bulaa.

25/08/2023

Faayidaa Qullubbii adii

Qullubbiin adii fayyaa namaaf faayidaa hedduu qaba.

Isaan keessaa muraasasaa:

1. Dhibee sukkaaraa hir'isuuf gargaara

2. Itituu dhiigaa hir'isa

3. Dhukkubbii ilkaaniif gargaara

4. Bullaa'uu soorataaf gargaara

5. Kaanserii piroostireetii ittisa

6. Dhibeewwan hargansuu ittisa

7. Dhibee ujummoo dhiigaa dhiphisu ittisa

8. Hamma coomaa qaama keessaa hir'isa

9. Dhibee sombaaf gargaara

10. Dhiibbaa dhiigaa hir'isa

11. Madaa malaa makate fayyisa

24/08/2023

FAYYUMMAA ONNEE KEENNAAF:
***********************************
¶- Tamboo ykn sigaaraa aarsuu dhabuu. Yoo kan aarsinus ta'e dhawaataan dhiisuu.
¶- Sochii qaamaa ( deemsa ariifanna, daakkaa, daansii, fiigiicha, kubbaa milaa fi kkf) guyya guyyaan daqiiqaa 30 fi achi oliif yoo xiqqaate torbaanitti guyyoota shaniif hojjachuu. Namni dhukkuba onnee bekamu qabu garuu isportii jalqabuun dura doktora isaa mariisisu qaba.
¶- Ulfaatinna qaamaa hojjaa (dheerinna) keenyaan wol hin madaalle yoo qabaanne ta'e ulfaatinna san hirdhisuu.
¶- Nyaata sirrii ta'e filachuu; jechuun fuduraaf kuduraa nyaachuu. Sooqida nyaata keessatti xiqqeessanii fayyadamuu. Nyaata akka foon diimaa, cooma, killeefi dhadhaa daran xiqqeessuu. Nyaata hapheeffamanii gurguraman irratti hamma koolestiroolii isaanii ilaaluu.
¶- Qulqullinna ilkaanifi irga keenyaa eeguu. Ilkaan keenya yeroo yerootti rigachuu.
¶- Dhukkuba dhiibbaa dhiigaatiif dhukkuba sukkaaraa yoo qabaanne haalaan to'achuu. Yaalaa isaani haalaan hordofuu.
¶- Daa’imman yeroo qonqoon isaan dhukkubetti yaalaa sirnyaa akka argatan gochuu. Yoo dhukkubbiin qoonqoo kan itti deddebi’u ta’e doktora keessan mari’achiisuu.
¶- Haguma danda'ameen cinqamuuf dhiphachuu dhabu.
---
---
Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebana

24/08/2023

TIMAATIMII
**************
Timaatimiin maqaa saayinsii ''Solanum lycopersicum'' jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, kompawundootafi albuudota fayyaa qaama namaatiif barbaachisoo ta'an hedduu of keessa qaba.
---
Bu'aaleen qorannoo woggaa hedduuf timaatimii irratti godhaman akka mul'isanitti:
* Koompawundoota Lycopene, Beta-Carotene, fi Chlorogenic acid jedhaman kan keemikaalota tokko tokko (free radicals) seelii keenya miidhan akka miidhaa san hin fidne dhorkan (anti-oxidant) kanniin of keessaa qaba.
* Fiber (nyaata qaamaa keenyaan hin bulloofne) guddaa waan ofkeessaa qabuuf gogiinsa garaa hanbisuuf, bullayinsa nyaata saffisisuuf, ulfaatinna qaamaa hirdhisuufi fayyummaa mar'umaan keenyaafis gaaridha.
* Bu'aan qorannoolee hedduu akka agarsiisutti koompawundii Lycopene jenne san guddaa waan of keessaa qabuuf carraa kaansarii garaachaa, mur'umaan guddafi kaansarii xannacha pirosteeti ni hirdhisa.
* Albuuda Pootaashiyeemi jedhamu kan dhiibbaa dhiigaa akka hirdhatu godhuufi kaalshiyeemii kan jabinna lafeetiif barbachisu guddaa ta'e waan qabuuf dhiibbaa dhiigatiifi fayyummaa lafeetiif kuduraa baay'ee gorfamaadha.
* Dabalataan madda Vaayitamin A, C, K1 fi B9 (Folate) waan ta'eef fayyumaa ijaaf, sirna ittisa qaamaaf, sirna ititu dhiigaa fi haadholii ulfaatiif daa'imni gadamessa jiru qaama guutuun akka uumamuuf faayidaa guddaa ni qabaata.
* Kanaan alattis koompawuundootni fi albuudonni timaatimii keessa jiran fayyumaa Onnee keenyaaf, bareedinna gogaaf rifeensa keenyaaf shora guddaa tapachuu danda'u.
* Nyaanni keenya dhandhama gaarii akka qabaatuuf akka mi'eessituutitti ni tajaajila.
---
Faayidaalee armaan olitti eerre argachuuf bilcheessinee fayyadamuun gaarii ta'a sababa koompawundonni jenne kunniin yeroo san irra argamaniif.
---
Fayyaa ta'aa!
Horaa, bulaa, deebanaa!

24/08/2023

The Most Revered Doctor Athlete Derartu Tullu of Ethiopia
The Mother of African Athletics
God Bless Ethiopia and Its People 🇪🇹🥰

22/08/2023

Akka Paastariin beekkamaan Siisaay Badhaadhaa gara Islaamummaa tti dhufuuf namni Sababa tahe obbaleeysa keenya kana. Maqaan isaa Ustaaz Arabi Mohammed (Arabi Gindhir) ja'ama. Dandeeytii Rabbiitiin abbaa Amantii gara Islaamummaa tti fideera. Rabbi irraa haa jaalatu!

Itiyoophiyaa keessattis namni Akka Dr. Zakir Naik baay'achaa jiru. Alhamdulillaah!....

Hamza Abdulhakim

22/08/2023

Olguuruu/oldeebisuu/balaqqama yeroo ulfaa ittisuuf/hir'isuuf manatti maal gochuu qabdu?
====================================
1. Nyaata hammaan xiqqaa ta'e ammaa ammaa garaa garummaa sa'aatii lamaan soorachuu.
2. Nyaata cooma, dhadhaa fi zayita of keessaa qaban hir'isuu.
3. Zinjibila hurreessuun shaayii waliin dhuguu akkasumas yeroo nyaata waliin fayyadamuu.
4. Nyaata pirootinii fi vitaaminiin guutuu ta'an kan akka kuduraa fi muduraa fayyadamuu.
5.Nyaata gogaa(dry) ta'an kan akka akaayiifaa fayyadamuunis gaariidha .
6. nyaata osoo hin nyaatin dursitanii bishaan dhuguu.
7. Erga nyaata soorattanii booda boqonnaa fudhachuu.
8. Foolii nyaata guddaa qabu hir'isuu

Hub: rakkoon kun yoo isinitti hammaate mana yaalaa deemtanii qoratamuun yaalamuun murteessaadha. Akkasumas Rakkoowwan kun baay'inaan baatii 4 booda hir'achaa deemu.
Fayyaa hin dhabinaa

22/08/2023

Faayidalee ANAANAASII
**************************
* Anaanaasiin tokko hamma Vaayitaamiin C guyyatti barbaadamuu ol waan qabuuf:
• Sirna ittisa qaama keenya ni jabeessa.
• Dandeettii qaamni keenya dhukkuba garagaraa of irraa ittisuu olkaasa.
• Fayyumaa Irgaafi Ilkanitiif: Irga dhiiguuf madaayeef heddu gaariidha.
• Madaan qaamaa dafee akka fayyu garagara.

* Pootashiyeemi guddaa waan of keessaa qabuuf:
• Fayyummaa Kaaleefi Onnee keenyaaf gariidha.
• Dhiibbaa dhiigaa hamma tokko hirdhisuu irratti gahee qaba.

* Vaayitaamiin A hamma tokko of keessaa qaba:
• Kunis fayyumaa ija keenyaaf gaariidha

* Fiber (nyaata qaamaan hin bullofne) hedduu of keessa waan qabuuf:
• Garaan akka nama hin gogne ni godha.
• Hamma sukkaraa dhiiga keessa jiru hanga tokko madaalawaa akka ta'u ni godha.
• Fayyummaa mur'umaan keenyaaf fayida gudda qaba.

* Nyaanni nyaanne dafee akka daakkamu ni si'eesa.
* Koompaawundootaa fi albuudota kan biroo kan fayyummaa gogaa, lafee fi carraa Kaansaroota tokko tokko hirdhisan hedduu of keessaa waan qabuuf fuduraa gaariidha.
---
---
Fayyaa ta'aa, Fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!

22/08/2023

Yeroo ulfaa wol-qunnamtii saalaa gochuun miidhaan hammaataan inni ulfa irratti fidu hin jiru. Kanaaf haati ulfaa takka yeroo ulfaan jirtu kamiin irrattuu, miirri dhukkubbii yoo hin jiraannee fi fedha yoo qabaatte, qunnamtii saalaa gochuu ni dandeetti. Haa ta'u malee yoo dhiigni ykn dhangala'aan gadaamessaa bahu/jiguu jiraatee fi ciniinsuu irra jiraatte qunnamtii gochuu hin qabdu.
---
Fayyaa dahaa, fayyaa ta'aa!
Horaa, bulaa, deebanaa!

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Gambela?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

Gambela