Naaf jiraadhu Harmee-Too
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Naaf jiraadhu Harmee-Too, Health/Beauty, Addis Ababa.
01/09/2025
Kiim Joong Uun imala baaburaa sa'aa 24 fudhatuun gara Chaayinaa qajeele
Oduu Waliif TV ( Fulbaana 1/2025) Finfinnee
Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun Beejiingitti agarsiisa waraanaa Chaayinaarratti argamuuf baabura eegumsaa cimaa qabu koruusaa miidiyaaleen gabaasan.
Imalli Kiim yaadannoo guyyaa injifannoo Chaayinaa Roobii dhufu gaggeefamu irratti michootasaa dhiyoo Vilaadmiir Putiiniifi Shii Jiinpiing waliin mul'achuufi. Kunis michootasaa baayyee waliin bakka tokkotti yeroo mul'atu yeroo dheeraa booda kan jalqabaa ta'uusaati.
Baaburri gaggeessaan Kooriyaa Kaabaa kore kun egumsa waraanaa cimaa sababa qabuuf suuta imala. Baaburichi ristoraantii of keessaa qaba. Chaayinaa galuufis sa'aatii 24 itti fudhata. Piyoongiyaangirraa daangaan inni dhiyoon Chaayinaa gara km850 fagaata.
Kiim erga bara 1959 as hoggana Kooriyaa Kaabaa guyyaa injifannoo Chaayinaarratti argamu ta'a.
Guyyaa injifannoo kanarratti dureewwan biyyoota akka Miyaanmaar, Iraan fi Kuubaa dabalatee kan biyyoota 26 ni argamu jedhamee eegama.
Maddi :BBC
Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf
Youtube-https://www.youtube.com/
https://www.youtube.com/
WhatsApp-https://whatsapp.com/channel/0029Vb2IYuXE50UolYA1Up3j Tiktok:https://www.tiktok.com/?_t=ZM-8z0I5wTEScq&_r=1
01/09/2025
JECHOOTA_SAFUU_OROMOO KANA BEEKTUU?
******************************
👉 Oromoon manni yoo gubate, manni gubate hin jedhu. "gabbate" yookiin "bishaan keessa taane" jedha malee.
👉 Oromoon dubartiin takka yoo ulfoofte, dubartiin ulfoofte hin jedhu. "Garaatti hafe" jedha malee.
👉 Oromoon Manguddoo/Jaarsa dogoggoreen, doggore /dogoggorte hin jedhuun. "Ni mucucaatan" jedhaan.
👉 Oromoon Daa’immni takka yoo duute, duute hin jedhu. "Ni deebite/bushootte" jedha.
👉 Oromoon saree maraatte takkaan maraatte hin jedhu. "waan saree kaastee" jedhaan.
👉 Oromoon nama gurraan hin dhageenyeen, duudaa hin jedhuun. "Ni dabarfata" jedhaan.
👉 Oromoon dubartiin yoo ulfi irraa jige garaa bu'e hin jedhu. " irraa bahe" ykn " Ofiin hiikamte " jedhaan.
👉 Oromoon Namni yoo deege, deege hin jedhuun. "ulee darbe" jedhaan.
👉 Oromoon nama qaroo dhabeeyyii ta’e tokkoon ballaa hin jedhuun. "Ija qara" jedhaan.
👉 Oromoon Daa’ima tokko yoo ibiddi gube ni gubate hin jedhuun. "daaraatu dhaye/daaraa dhawe " jedhaan.
👉 Oromoon Nama tokko yoo budaan nyaatte, budaan nyaatte hin jedhuun. "ijatu arge/ija fuudhe" jedhaan.
👉 Oromoon yoo manni gubate, Manatu gubate hin jedhu. " bishaantu keessa yaa’e/bishaan bobeesse" jedhaan.
👉 Oromoon yoo namni du'e, ebalu du'e hin jedhu. "Afaan bishaan dide/boqate" jedhaan.
👉 Oromoon Shamarran dubrummaa hin qabneen, durbummaa hin qabdu hin jedhuun . “uumaa dhabde/bantii hin qabdu” jedhaan!!.
Egaa maarree ergaa kanarraa waan baayyee hubattu jedheen yaada!
Galatoomaa 🙏
✅️follow godhaa
08/04/2025
Oduu: Ogeeyyiin fayyaa kaffaltii madaalawaa dabalatee gaaffiileen isaanii deebii yoo hin arganne hojii akka dhaaban akeekachiisan
Ogeessonni fayyaa keessa argaman mindaa haqa qabeessa, uwwisa inshuraansii fayyaa, fi faayidaa fooyya’aa gaafachuun miidiyaa hawaasaa irratti duula qindaawaa eegaluu isaanii Addis Standard’tti himan.
Doktoroota, narsoota, ispeeshalistootni fi ogeeyyii baqaqsanii hodhuu dabalatee ogeeyyiin fayyaa marsaalee miidiyaa hawaasaa adda addaa irratti duula "lubbuu baraaraa turre, amma kan keenya baraaruu qabna" jedhu fayyadamuun yaaddoo fi gaaffilee isaanii kaasaa jiru.
Ogeessi fayyaa tokko, "hojjataan fayyaa qaala'insa jireenyaaf saaxilamaadha. Wal'aansa ofiifillee dadhabnee kadhachuuf dirqamaa jirra. Galiin ogeeyyii fayyaa dadhabbii hojii isaanii akka hin madaallee waan ta’eef sagalee keenya dhageessisuuf sochii eegalle" jechuun Addis Standard’tti himan.
Dabalataaf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6106
Hangaan jiru ani Harmee koof jiraadha.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Addis Ababa
