Ancient History of Oromoo
society and culture history
14/07/2026
Gosa Oromoo Warjii
===============
Warjiin Gosa Oromoo Tuulamaa yoo tahan moggaasni maqaa isaaniis 'Warra Ji'aa' kan je’urraa akka dhufetu himama.
Miseensa Oromoota Warjii kan tahan Obbo Nurhuseen Hasan moggaasa maqaa Warjii jedhu kana Oromootuma kaantu nuuf moggaase jedhu.
"Moggaasa Warjii jedhu kana Oromootu nuuf moggaase. Maqaa dabalataa nuuf kennan jechuudha. Warjii jechuun immoo warra ji'aa, kan ji'a lakkaawee bulu jechuudha. ''Amantaa Islaamaa waan hordofnuuf jecha ji'a (Addeessa) waliin hidhata qabna. Kanaaf jecha 'warra ji'aa' nuun jedhu," jedhan.
Gosti Oromoo Warjiin kuni jaarraa 9ffaa dhaa hanga xumura jarraa 12ffaattis naannoo Shawaatti mootummaa Islaamaa ijaaree ofbulchaa turuutu himama.
Warri Warjii qubsuma daangeffame addatti qabaachuu baatanis Tuulama keessa baay'inaan jiraatu. Naannoo Oromiyaatiin ala naannolee akka Somaalee fi Affaar keessas akka jiraatan himu Obbo Nuurhuseen.
"Ummanni kuni warra jalqaba amantii Islaamaa biyya kanatti babal'isaniidha. Warra baha jiddu-galeessaa wajjinis hariiroo cimaa qabaachaa turan. Hojii qonnaa fi daldalaanis baayyee beekamoo turan," jedhan.
Turoo Waariyoo fi Wulaalee
“”””””””””””””””””””””””””””
Warjiin hanga jaarraa 19ffaatti ajajoota waraanaa ciccimoo mataasaa kan akka Turoo Waariyoo fa'a qaba ture. Awwaalli gooticha Warjii Turoo Waariyoo amma Aanaa Baarraak'tti argama.
Gosti Oromoo Warjii kuni hanga jaarraa 13ffaatti magaalaa wiirtuu daldalaa taate tan 'Wulaalee' jedhamtu kan qaban akka ta'ee fi boodarra magaalattiin sababa waraanaatiin akka barbadooyte himu Nurhuseen.
Sababa amantiitiin qofa garaagarummaa waan qabaniif jecha moggaasa addatti argatan malee Warjiin Oromoota Tuulamaa kaaniin tokkuma. "Nuti wiirtuun keenya Tuulama. Oromootuma Tuulamaati. Amantii qofaan adda taane malee Tokkuma. Tuulamni yoo duulu wajjumaan duulaa turre. Siyaas-dinagdeen keenyas tokkuma.
Aadaa Islaamummaa ofirratti daballe malee aadaan keenya kanuma Tuulamaatiin tokkuma," jedhan.
Gosti sirbaa warra Warjii - Ragada yoo ta'u, gosti kuni maqaa 'Warjii Tigrii' jedhamuunis ni waamamu.
WARJII fi ARABA…
“””””””””””””””””””
Oromoota Warjii kana namootni akka hidda dhiiga warra Arabootaa tahanitti yeroo dubbatan ni dhagahama.
Obbo Nurhuseen, sababa yaanni kuni ka'uuf yoo himan, "Nuti Araboota waliin amantaa fi daldalaan qunnamtii cimaa qabna. Jaarraa 9ffaa keessa Araboonni rakkoon biyya isaaniitti uumamnaan Shawaa kana qubatanii Warjii waliin jiraachaa turan. Booda gara biyya isaaniitti deebi'an. Isaanirraa warri muraasni asumatti hafanii Warjii waliin walitti makaman," jedhan.
“Sababa kanaan Warjiin Araba wajjiin makaa dhiigaa xiqqoo qabaachuu dandeenya malee, hundeen keenya Oromoodha, nuti uummata biyya Arabaatii dhufee as jiraatu miti” jedhan.
“Nuti Oromoon nama hammachuu aadaaf qabna waan taheef yeroo sanattis Araboota biyya isaanirraa rakkatanii dhifan san ofitti qabnee waliin jiraachaa turre malee, nuti Warjiin Oromoo qulqulluudha” jedhan obbo Nuurhuseen.
"Oromummaa keenya namuu nuuf hin kennus, namuu nurraas hin fudhatu. Kuni kennaa uumamaati. Waggaa dheeraaf asii fi achi nu qabaa burjaajiidhaan dabarsinee jirra. Ammaan booda Oromummaa keenya cimsinee qabachuu barbaannas," jedhan.
Giddugala Aadaa Oromootti dursaa qorannoo seenaa kan tahan Obbo Girmaa Namarraa, “qorannoo taasifameen Warjiin gosoota Oromoo Tuulamaa keessaa gosa Galaan akka tahan mirkaneeffanneerra” jedhan.
"Gosti Oromoo Warjii kuni amma naannoo Magaalaa Shanoo, Daalattii, Jidda, Shawaa Bahaa fi naannoo Shawaa Kibba-Lixaa kana keessa jiraatu. Amantaa Islaamaa dursanii warra fudhatan waan tahaniif qofa adda tahan," jedhan.
Kitaabni seenaa Gosa Oromoo Warjii irratti xiyyeeffatu kan qorattoota seenaatiin qophaa'e bahee maxxanfamee jira. Kitaabni kunis Warjiin hortee ilmaan Tuulamaa keessaa Gosa Warra Galaan akka tahan mirkaneessa.
12/07/2026
"SEENAAN GOOTOTA KALEELNSAA
DAAWWITII DHALOOTA HAR'AATI!"
Goototaa Biyyaa keenya fi Iddoo dhaloota Isaanii
1.Taaddasaa Birruu(1920-1975) shawaa(hidhabuu Abootee)
2.Abdisa Aagaa(1919-1974) Wallaggaa(Najjoo)
3.Agarii Tulluu(1934-1962) Shawaa(Dagam)
4.Maammoo Mazamir(1929-1969) shawaa (Gudar)
5.Elemoo Qilxuu(- - ) Dirre Dawaa
6.H/Maariyam Gammadda(1915-1970) Shawaa(Jiddaa)
7.Waaqoo Guutuu(1929-2006) Baalee(Madda Walaabuu)
8.Oliiqaa Dingil(1890- --] Wallagaa(Dantaa Garee)
9.Hayilee Fidaa(1939-1979) Wallaggaa(Arjoo)
10.Baaroo Tumsaa(1942-1977) Wallaggaa(Gimbii)
11.Guddinaa Tumsaa(1929-1979) Wallaggaa(Gimbii)
12.Guutamaa Hawaas(1945-1994) Arsii(Gololchaa)
13.Alamuu Qixxeessaa(1907-2001) Shawaa(Jalduu)
14.Abiishee Garbaa(------??) Wallaggaa(Horroo)
15.Eebbisaa Addunyaa(-----1996) Wallaggaa(Dambi Doolloo)
16.Jaarraa A/Gadaa( ....2013) Harargee(Gaaraa Mul'ataa)
17.Huseen Bunee(1904-2004) Baalee(Goorii Gafarsaa)
18.Muhaammad Zaakir(1949-1977) Harargee(Galamsoo)
19.Aliyyii Cirrii(1914-2010) Baalee
20.Leenjisoo Diigaa(??) Arsii
kan biroos ni jiru yeroo biraa walittii deebina Horaa Bulaa!!
"Mee isinis iddoofii bara
Dhaloota Gootota keenyaa amma beektan lnbox irratti Nuuf katabaa!!??
Odeeffannoo itti aanu argachuuf
Ancient history of oromoo share,like comment GODHA!
12/07/2026
Afaan Oromoo fi Jechoota Dinqisiiso Afaan Oromoo
MAMMAAKSA DINQISIISO AFAAN OROMOO
************************
~•Bishaan mixiin lagaa waraabdeen jaldeessi qaama ittiin dhiqata.
~•Hiriyaan dhugaa daawitii dha.
~•Maalummaa ofii beekuun gaarummaa loogii hin qabnee dha
~•Re'ee amala hin qabneef hidhaa hin dheeresaniif
~•Inni waraane yoo irraanfate inni waraaname gonkuma hin
irraanfatu
~•Hiddaa fi hiddiin tokkoo miti
~•Kalee fi Kaleen tokkoo miti
~Fira nama hin gaafanne irra hiyyeessa mana namaa baane wayya
~Harka mirgaa kutuun harka bitaa darbannaa barsiisuu dha
~Kuni maal jennaan kuni buppaa dha jedhe namichi hanqaaquu
argee hin beekne
~waraabessi soddummaa harree barbaaduun akka beelofneefi
~Nama gammachiisuu yoo barbaadde qarshii kennuufi osoo hin
taane wanta inni rakkate gaafadhu
~Kan haati boo'aa guddifatte haati biddeenaa boo'aa biddeen
kennitiif
~Walgahiin saree duruu kajeella dha
~Baalli geshoof baalli jimaa walfakkaatus kan farsoof oolu garuu
baala geshooti
~Muka ol guddate fiixee muruun jirma lafa jalatti gabbisuu dha
~Of qulqulleessuun nama xureessan ifatti baasuuf
~Namni ollaa waraabessaa jiru homaa hin kajeelu
~Bishaan sareen waraabde sarumatu dhuga
~Of ajjeesen oole jedhe gowwaan of fannisuuf dhaqee
~Of tuuluun nama ofirratti tuuluu dha
~Leenci har'a beela'e boru saree kajeelchisuu hin dhiisu
~Namni dukkana beekee kessa deemu ibsaa isa hin barbachiisu
~Gatii ibiddi na gubeef bishaan irratti naquun na qabbaneessa
malee na hin fayyisu
~Qaama ofii keessa kan jibban hin qaban
~Seenaa dhugaa fi lafti dhagaa nama jalaa hin badu
~•Sanyiin gootaa gotuma
~•Firri firuma alagaan alaguma
~•Na gargaarin hattuu na jalaa fudhuu badii dha
~•Nama itti aaran tokko fuula ofii gurraachesani itti hin agarsiisan
~•seenaan kee hojii keeti
~•Amanamummaan santima tokko irraa jalqaba
~•Kan dacheen baatu homtuu hin baatu
~•Arrabni xiqqoo hin qabdu
~•Gowwaan hundaan lola
~•Goota faarsuun gotummaa irraa horachuufi
~•Shamarree fuula bareedduurra shamarree yaada bareedduutu
caala.
11/07/2026
?.
MAALIIF DAGATAME?.
Gootichi Oromoo Soorreessi Jaarraa Abbaa Gadaatiis tahe miseensoonni Qeerroo ganamaa hanga ammaa lubbuun jiran tokko tokko waa'ee hundeessuu ABO, eegallii qabsoo bilisummaa Oromoo fi wa'ee Qeerroo Ganamaa hogu haasawan yoo dhageessan maqaa dargaggoo tokkoo irra daddeebi'anii ni kaasu. Dargaggoon kun eenyu?!. Goota Saba isaa biratti DAGATAME!!.
Qeerroon Ganamaa marsaa 1ffaa fi marsaan 2ffaanis erga leenjii fi deeggarsa meeshaa waraanaa biyyoota ambarraa argatan booda, jiddu gala qabsoo biyya keessaa gaggeessuuf sababni murteessanii fi gara carcar imaluuf karoorfachuun isaanii wanni namatti agarsiissuu yoo jiraate, miseensi baayyeen Qeerroo Ganamaa ilmaan Oromoo Ona Ituurraa tahuu isaanii fi battala qabsoo carcar Keessa jirtuu duraanumayyuu sirritti kan beekan tahurraa akka tahe hubachuun salphaa dha.
Qabsoon Bilisummaa Oromoo bifa hammayyaan biyyoota Ambaa keessatti unkuramtee, san boodas gara biyyatti as tarkaanfattee Harargheetti gaggeefamuu jalqabde keessatti, warreegamni lubbuu inni jalqabaa kaffalame lubbuu ilmaan Oromoo Ituu akka tahe wal nama hin gaafachiissu. Warreegamni qabsoo sochii bilisummaa bifa hammayya "A" jattee kan eegalte gootota Ituu Akka Ramadaanii (Biyyaa Alatti) fi Hundee Dhaabaa (biyya keessatti) tiin tahuusaa seenaan qabsoo bilisummaa Oromoo ragaa dha.
Arraaf warreegama jalqabaa biyya keessatti kaffalame mooggaatti dhiisnee warreegama bilisummaa Oromoo biyya ambaa keessatti yeroo jalqabaatiif kaffalame haa ilaalu. Asirratti Maqaan Dargaggoo Goota gootarra dhiiraa tokkoo osoo hin kaafamne darbuun irbuu dha. .
Dubbichi akkanaan jalqaba. Seenaa qabsoo Qeerroo Oromoo yeroo ammaa Oromiyaa bira taree Itoophiyaa guutuu keessatti shoora guddaa taphachuu dandayye kana gadi fageenyaan hubaachuuf seenaa Dargaggoota Bilisa Baaftoota Oromoo/ Qeerroo Gananaa ofduuba dachaane ilaaluun dirqama nutti taha.
Tuutni Qeerroo Ganamaa ABO Erga hundeessan booda, hojii Diploomaasii ulfaataa hojjataniin loltoota Oromootiif biyya Yemenitti leenjiin waraanaa Kumaandummaa fi leenjii siyaasaa addunyaaleessaatiin ofcimsanii, akkasumas barnoota hammayyaa yeroon isaan gaafattus fudhatanii, deeggarsa meeshaa waraanaa biyyoota Syria fi Iraq irraa argataniin deeggaramuun hidhannoo guutatanii gara biyyaa seenanii sochii qabsoo bilisummaa Oromoo bifa hammayyaatiin gaarreen Carcar Keessatti balaqqiissuuf imala gara biyyaa ofii jalqaban. Marsaan duraa miseensa wabo Qeerroo ganamaa jechuun kan beekaman, Qeerroo ciccimoon 36 gara Oromiyaa lixanii akka seenanii fi san booda kutaa oromiyaa hunda keessatti warraaqsa bilisummaa qabsiisuuf ofqopheessaniin amni jalqabame. Yoo kana Qeerroon Ganamaa hooggansa Abdukariim Ibraahim(Jaarraa Abbaa Gadaa)tiin Onkoleessa 7/ bara 1970 Yaman Edanirraa doonii lamatti Meeshaa waraanaa fe'atanii gara biyyatti qaceeluun, halkaan lamaa fii guyyaa lama booda xarafa biyya Somaaliiyaa gahan.
Akkaatuma karoora dheeraa qabatanitti gaarreen carcar seenanii qabsoo waraana diddaa gabrumma jalqabuuf dura gammoojii Soomaaliyaa qaxxaamuruun dirqama itti taate. Kanuma milkeessuuf deemsa gara biyya abbaa isaanii jalqaban. Haa tahu garuu Bakki dooniin meeshaa waraanaa isaaniif fee'atte akka itti dhaabatuuf barbaadan Kaaba Soomaaliyyaa Zeeyilaa fi Asab jidduu ture. Garuu doggoongoora Shufeerii Doonichaa taasiseen bakka ja'amtutti bu'uuf dirqaman. Otoo meeshaa isaanii kaan ashawaa fi tussii keessatti awwaalatanii, uffata Waraanaa uffatanii, hidhannoo isaanii Ziinnaara mudhii guutatanii isaanumaa deemsaaf ka'ee loltoonni mootummaa Soomaalee Lafaa fi Samiin Taankii fi Xayyaaraan Qeerroo jajjabee akka sibiilaa tana marsan. Duuba Sahilii fi guyyaan kun warreegama qabsoo bilisummaa ummata Oromoo isa taate Qeerroo tana gaafachuunsaa hin oolle.
Qeerroo Oromoo Mataa tuutaa tan biyya keessattis mootummaa diinaa isaanii tahen falmanii, dadhabnaan deeggarsa biyya ambaa itti kadhatanii, ofiif warreegamanii Saba isaaniitiif dukkanaa ibsuuf gammoojii Yamanii ka'anii, gammoojiii Soomaaliyaa osoo qaxxaamuruuf jadhan Kokkee Waraana Ziyaad Barree jidduuti qarqabamuu mudatan kana keessa dargaggoo Onneen Gaaraa, Goota Lapheen sibiilaa tahe tokkootu ture, Ramadaan.
Loltoonni Ziyaad Barree kuun oliin taankii fi Xayyaararraa xuluubsaa bubbu'uun, kuun lafoo dallayya tahanii marsuun, akka qeerroon hidhannoo lafa kaayyanii fi bakka jiranirraa hin sassoone qajeelfama kennan. Qeerroon Oromoo Saba Bal'aa Oromoo keessaa bahanii kophaa biyya ambatti diinaan marfamte tunnis," -mormuu_miti, nutti Saba Naf*anyaan biyya nurraa fudhattee, lafa teenyarratti waan nu gabroomsaniif bilisummaa argachuuf qabsaa'uuf deemu malee isinii wajiin . Biyya keessan keessa darbuu qofa barbaanna malee dhimma tokko biyya keessanirraa hin qabnu....." jechuun Loltoota mootummaa Soomaaliyaa amansiisanii bira darbuuf yaaliin taasisanis hin milkoofne. Loltooni Soomaaliyaa " keessa akka feetanitti seentanii baatu, biyyi keenya araddaa abbaa keessanii seetan moo...." jechuun akka harka kennan yookiin akka isaan rukkutan qeerroo ganamaatti akkeekkachiissan.
Yeroo kana keessa ture dargaggeessi Onnee Gaaraa, kan lapheen Sibiilaa " rukkuteen du'a malee harka kenne hin du'u, harka kennee booji'amuuf miti kaniin manaa bahef, diinni Oromoo kan manaatis, kan alaatis diinni diinuma, tokkumma, lubbuun koo isin obboloota kiyyaaf fidaa haa taatu, ani osoon lubbuun jiruu isin nadura rukkutamtanii du'a keessan ilaalu hin fadhu...." jadhee Jaallan qabsoo isaa miseensa qeerroo ganamaatiif dhaamsa dabarsee, meeshaa waraanaa harkaa qabu gara loltoota Soomaaliyaati gara galche. Garuu maal godha gaa loltoonni mootummaa Soomaalee jalqabayyuu qophaa'ani eegachaa jiran, isa dursanii rassaasa itti roobsan. Warreegamni Qabsoo bilisummaa Oromoo kan maqaa Dhaaba ABO tiin gaggeefamuus yeroo duraatiif achitti kaffalamuu gaafate. Warreegama kana kaffaluun, duungoo bilisummaa Oromoo dhiiga isaatiin gammoojii Soomaaliyyaa keessatti namni jalqaba qabsiise kunnis goota Oromoo maqaan isaa dhokate kana tahe.
Akka lakkoofsa faranjii bara 1945 Ona Ituu Carcar, toora kaarra qurqurraa naannoo Laga Arbaatti akka dhalate himama. Ramamadaan dhimma sabaarratti warra laayyoo hin qabne, warra Maqaan Badduu mannaa mataan badduu wayya ja'ee gootummaan ummata ofiitiif if warreegu, warra goototaa kan Kanniisaan duule diinarraa qawwee hiikatu, warra nama ganuu hin beekne kan si dura lubbuu ofii siif dabarsee laatu ilmaan Kura Galaanirraa dhiira uumamee as burqee dha. Gameessa Aadaa fi hooda kana keessatti guddatee daraare dha. Ramadaan ilma Adeera kan tahe ilma . Hortee warra ti.
Husseen Kaliil osoo Sahillitti warreegama qabsoo Oromoo isa jalqabaa tahee hin warreegamin dura, tuuta qeerroo ganamaa keessatti malayyii dhimma Alaa WABO tahun tajaajilaa ture. Gita hojii isaa kana keessattis milkaa'ina guddaa galmeessuun gahuumsa isaa hojiin goota agarsiisuu dandayyee dha. Warreegamuu Ramadaaniin booda, Jaarraa Abbaa Gadaa fi miseensonni Qeerroo ganamaa hafan #35 qabamanii Soomaaliyaa magaalaa mana hidhaa jedhamutti, Onkoololeeysa 10 bara 1970 hidhaman. Walii galatti wagga 5 fi guyyaa 12 akka mana hidhaa keessa turan ragaan ni addeessa.
Miseensi Qeerroo ganamaa fi billiqii biiftuu bilisummaa Oromoo nama shiileessaa qabsoo Bilisummaa Oromootaa tahuun lubbuu isaa dabarsee kennuuf hiriiree qofa osoo hin tahin, murataa seena dagatamuun hin qabne dhiigaan ummata Oromootiif barreesse, kutataa guyyaa cinqii ti. Goota Elemoo Qilxuutis tahe, Hundee Dhaabaa, Taaddasaa Birruutis tahe Laggasaa waggii dura waggoota meeqa dursee sabaaf warreegamuun billiqqii biiftuu qabsoo bilisummaa Oromoo dhiigaan addeesse kana maqaan isaa hanga kaafamuu qabu osoo hin dhawamiin awwaalamee hanga ammaa hafuun isaa waan Hedduu nama gaddisiissuu dha!!. "Sa'aa Abbaan Gaafa Cabse Ambitti ija jaamsitti" ja'anii mitiree!!.
Seenaan bara baraan Goota Gootarra Dhiiraa Jaal Ramadaan Husseen Haa Yaadatu. Rabbi Jannataan Haa qananniissu.
Deebanaa.
Seenaa Oromo Madda Beekumsaa fi Oddeefannootti. Follow fi Like Gochuun hordoofaa!!.
01/07/2026
Maqaa Artistoota kaneen enyutuu naaf himaa??
01/07/2026
Share,follow yaada qabdan comment irratti nuuf laadha galatooma🙏
SEENAA GABAABAA MOOTICHA JIMMAA ABBAJIFAR ABBAGOMOL
Seenaa Abbootii keenyaa baruun boriif nu fayyada oromoon naannoo hundaa dubbisaa dheerina hin qabuu……
Abbaa Jifaar
Abbaan Jifaar bara 1852 tti abbaa isaanii Abba Gommoolii fi Haadha isaani Guumayitti irra dhalatan
Abbaan Jifaar dhalatanii woggaa 15ttii Abbaan isaanii Abbaan Gommool du’an
Abbaan Gommool kan du’an bara 1875 tti
Abbaan Jifaar Maqaa adda addaa qabu 1)Tulluu
2)Muhammad ibni daawud
3)Abba jifaar
Yeroo Abbaan isaani du’an irraa eegalanii abbaan jifaar biyya bulchuu eegalan waggaa 3 haadha isaani Guumayitti wojjin bulchan
sababni isaan haadha isaanii wojjin bulchaniif yeroo sanatti Abbaan Jifaar woggaa 15 waan ta’aniif akkasumas dandeetti biyya bulchuutiif umuriin isaani xiqqoo waan ta’eef
Yeroo wagga 18 guutanutti guutummaan guutuutti biyya bulchuu eegalan
kan isaan biyya jimma bulchanis bara 1878 hanga 1933 tti
Maqaan isaani akka biyyaatti Tulluu jedhamanii waamamu
sababni isaan tulluu jedhamaniif dheerina isaani irraan kan ka’e
Abbaan jifaar dheerinni isaanii meetira 2 fi sentimetira 10
Maqaan isaani gara islaamaatiin ittiin waamaman Muhammad ibnu daawud
Akka maqaa kabajaattimmo Abbaa Jifaar A/Gommool jedhamanii waamamu
Masaraan Abbaa Jifaar kan argamu lafa olka’aa jireen irratti argama
Jireen magaala Jimmaa irraa km7 fagaatee argama akkasumas Hospitaala Jimmaa irraa km3 fagaatee argama
Masaraan Abbaa jifaar kan ijaarame nama lammii Hindii ta’ee maqaan isaa jedhamuun
Haala ijaarumsa isaa keessatti meshaan tokko tokko kan biyya hindirra dhufe ni jira fknf meeshaan tokko akka meshaa teknikaatti kan yeroo bubbeen bubbisu bubbee manarra dhorku tokko gubbaa masaraa isaani gara fuula duraarra ni jirti
masaraa sanarratti kan argamu kan imaaraa fakkaatu sun kallattii Afur qaba kallatti kaabaa
Kallatti kibbaa
Kallatti bahaa
Kallatti dhiha
kallattiin 4 kun hundinuu kallatti ittiin to’annaan gaggeeffamu
Masaraa sana keessatti meedaan yookan bakkeen bakki kaadimoonni ykn hojjattoonni isaani itti Taphatantu ni jira
akkasumas bakki mootiin Abba jifaar ta’anii yeroo kaadimeen isaani wollaansoo waan adda adda woliin taphatanu ilaalanu ni jira
Yeroo masaraan kun ijaaramutti ummanni naannoo Jimmaa killee ykn hanqaaquu wolitti qabuudhaan gumaachaa turan
ijaarumsi masaraa sanaa yeroo jalqaba xuubii dhaafi killee wolitti qabuun girgiddaan ykn jidaarri isaa kana lamman irra ture
Masaraan Abba Jifaar kan ijaarame bara 1870 tti
yeroo ijaaramu baasiin itti ba’e worqii kg 400 fii Doolaara Awustiraliya(Maantereza)65,000 tti tilmaamama
Masaraa kana keessa kanjiru masjiida dhiiraa fi dubaraa adda ba’ee kan jiru
akkasumas bakka qur’aana itti qara’an kan dhiiraa fi kan dubaraa adda ba’uudhaan jira
Masaraan kun yeroo ol seenan
jalqaba isaarratti ykn balbala isaarratti jecha laailahaillallah Muhammadan Rasuulallah jedhutu barraa’ee jira itti Aansee
Abubkri
Umar
Usmaan
Aliyyii
kan jedhutu barraa’e jira
Abbaan jifaar teesso isaani jireen godhachuudhaan ummata isaanii akka guutuu biyyattiitti gargaaraa turan keessumayyu ummata muslimaa
maallaqaan
lafa adda adda
kennuufidhaan
Yeroo jalqabaatiif Akka guutuu biyyattiitti Amantiin islaama jimma irra ka’e akka baballatu kan godhe Mootii Abbaa jifaari
Abbaan jifaar ummata isaaniitiif saudi Arabiyaa makka keessatti mana ijaaruudhaan bakka ummanni keenya qubatu taasisanii jiru
ummanni keenya yeroo umraa fi hajjiidhaaf gara makka deemu bakka kana deemee qubata
bakki kun kaabaa irra meetira 300 qofa fagaata
Akkasumas madiina irrayis akka lafa fudhatanii turan seenaan ni dubbata
Haala kanaan Mootiin Abba jifaar bara 1878 irra hanga bara 1932tti jiraatan
19/06/2026
Damee hortee oromo Ilmman Oromo lammii (2)
1,boraana
2 ,bareentu
Booranni Ilmman.12 dhalee isaanis
1,wallagga
2,callabba
3,goree
4,goofaa
5,sidaamoo
6,arii
7,dacee
8,garrii
9,guraa
10,giriirraa
11,naayroobii.fii
12,gujii
Bareentuun Ilmman 5,dhalee
1,xummuungaa
2,murawwa
3,karrayyuu
4,hunbanna
5,Qal’oo
Xummuungaan Ilmman 3dhalee
1,arsii
2,asoosaa
3,hawaasa
Murawwaan,1dhalee.innis.ltuudha.jedhama.
Ituun,10,dhalee.isaanis
1,waatee
2,gaamoo
3,baayee
4,galaan
5,Addaayyoo
6,baabboo.
7,waaree
8,algaa
9,gaaddullaa
10,Elolloo
Karrayyuun,barentuu.ilmmaan.12.dhalee
1,dullachaa
2,Abbichuu
3,gonbichuu
4,sayyuu
5,oboo
6,oborii
7,jiillee
8,bullaalla
9,mucee
10,galaan
11,salaalee,
12,wallo
Hunbannaan.ilma,1dhalee
Innis.Anniyyaa.jedhama
Anniyyaa..7dhalee
1,malkka
2,baabboo
3,dinbii
4,baaduu..(biduu)
5,mucii
6,naanna.a
7,kudheedhee
Qallo.4.. dhalee
1.ala
2,daga
3,oborraa
4,baabbile
Ala 12 dhalee
1,abbayii
2,nuunnu
3,kaaku
4,buubbu
5,diiramuu
6,abbaadho
7,goollo
8,Eerii
9,utayyu
10,gaalan
11,meettaa
12,arroojjii
Dagaa,,3 dhalee
1,noolee
2,jaarsoo
3,huume.
Oborraan..3 dhalee
1,akkichu
2,bil,l
3,dooranii
Baabbile 3 dhalee
1,gantuub
2,hawiyyaa
3,hawaasilee
Arsiin, 2 dhalee
1,sikkoo
2,mandoo
Sikkoo ,5 dhalee
1,buullaalla
2,wucaalee
3,wooji
4,jaawwii
5,llaannii
Mandi,,7 dhalee
1,raayituu(raa’idoo)
2,hawaxxuu
3,karaara
4,karrayyuu
5,meettaa
6,arroojii
7,garjeeda
Akkichuu.. oborraa ilma,2, dhalee
1,dhaayii
2,biliidaa
Dhaayii 3,dhalee
1,dukkoo
2,kooyee
3,allaatayya
Billiidaan, 3 dhalee
1,godaana
2,busaa
3,allaa
Gujiin boorana 3 dhalee
1,hookkuu
2,Uraagaa
3,matii..maatii
Hookkuun 7dhalee
1,galalchaa
2,oborraa
3,michillee
4,heeraa
5,bundhituu
6,kinnoo
7,baallaa
Uraaggaan 6 dhalee
1,goolloo
2,hallaa”oo
3,Agantuu
4,daraartuu
5,sarboortuu
6,waajituu
Maatiin 3 dhalee
1,hirqaantuu
2,linsoolee
3,hundee. Itti fufaaaaaa
Yoo karaa daabee itti guttaaa issin sabaa koo oromo hortee kushii horaa bulaa badhadha dagagaa lslissaa akka hababoo gaanaa.
19/06/2026
!!
TARREE MAQAA QEERROO GANAMAA 36!!
Goototni ilmaan Ituu, Afran Qalloo, Humbannaa, fi Arsii Shanan barreentummaa keessaa Afur bakka bu'u. Akkumma beekamu Sirna mootummoota Naf*anyaa darban keessatti akka Saba tokkotti wal ijaaruun sossoo'uu dhiisiiti, akka nama dhuunfattuu ani Oromoodha jatte, eenyummaa kee afaan guutattee himatte jiraachuun yeroo warreegama nama gaafatu ture. Haa tahu Garuu, bara 1960ni irraa kaasee Oromoon sochii mirga ofii kabachiissu Iddoo hundatti wal ijaaree sossoo'uurraa wanti ofduuba deebisuu dandayye hin jirtu ture. Ilmaan barreentummaa akka sabaa ti roorroon alagaa waan itti heddummaachaa dhufeef mana teenye du'uurra falmannee du'uu wayya yaada ja'uun gurmiin qabsaa'uu jalqaban. fincila Oromoota Ituu, Fincila qotee bulaa Baalee fi diigamuu sochii Tuuta hawwissoo afran Qalloo fi kkf booda, walitti dhaamanii, bilisummaa ofiitiif falmachuuf gara biyya ollootaa qajeelan. Soomaaliyaa, Yamani, Egypti hanga Iraq akkaata mootummoota biyyoota kanarraa deeggarsa itti argachuu dandayyan haala mijjeeffachuun qabsoo hammayyaa jalqaban.
Barri isaa sept 5, bara 1969 ilmaan Oromoo bareentummaa namni 51 gahan, hoggansa Jaarraa Abbaa Gadaa, Elemoo Qilxuu, Mullis Gadaa fi kkf niin qajeelfamanii, biyya Soomaalee Moqqaadishooti, boqqoonnaa qabsoo bilisummaa Oromoo bifa haarawaan falmachuuf biqiltuu jattu gadi dhaaban. Gurmuun tunnis baqqatoota Oromoo gara biyya Soomaalee fi Arabaatti dhangalaa turan baayyee ofitti dabalachuun Leenjii Loltummaa Biyya Yaman kibbaa, Edanitti Kaambii loltoota Eertiraa wajiin akka fudhatan Arab Leaguen hayyamameefi. Leenjii tanas qixxa gahan erga fudhataniin booda gara biyyaa qajeelan. Gurmii isaanii miseensa 36 qabdu tanaanis jechuudhaan of moggaasan. Namni Maqaan Ramadaan kan seenaa isaa Post kaleessaarratti ibsine Sahillitti kan warreegame yoo tahu, Jaarraa Abbaa Gadaa dabalatee 35 hafan mootummaa Ziyaad Barree kan yeroo gabaabdu san qofaaf firummaa Mootummaa Haayilasilaasee wajiin horateen qabamanii murtiin du'aa itti kennamte. Yeroof murtiin du'aa sun osoo irratti hin raawwatamiin turuun mana hidhaa , Soomaalii laanditti waggaa 5 fi guyyaa 12 erga hidhaman booda dhiifamaan gadi lakkifamuu dandayyan.
Itti aanaa hoggansaa yeroo sanii kan ture yeroo Qeerroon ganamaa Humna mootummaa Somaaliyaa harkatti kuftu sanatti wajiin hin ture. Hoggansi Tokkooffaa Jaarraa Abbaa Gadaa waan tuuta kanaa wajiin marsaa durarratti sochoo'uuf murteesseef, Elemoo Qilxuu yeroo kana achu yaman loltoota ABO kaambii leenjii ti hafan hogganuuf hafe. Haa tahu Elemoonis oduu Qeerroon ganamaa tan marsaa duraa too'annaa mootummaa Soomaaliyaa jala seenan jattu tun hammilee isa hin tuuyne, inumaa daran imaanaa gateetti isarratti kuftee galmaan gahuuf bara 1973 Qeerroo ganamaa Marsaa lammaffaa hogganuun, Ona Ituu Carcar Xirrooti qajeeluun gaarreen carcar irratti ibida qabsoo bilisummaa qabsiisuun, goota imaanaa Sabaa lafa hin keenye tahuusaa dhiigaan nu barsiise.
, Ramadaan dabalatee kaneen Mandheeritti waggaa shan hidhamanii bahanii akka armaan gadii kanatti isiniif dhiheesina.
1. Abdulkariim Ibrahim Haamid (Jaarraa Abbaa Gadaa)
2. Abdulkariim Aadam Lakkuu (Sooraa)
3. Mahamud Sheek Muhammad Umar Bookee
4. Umar Abubakar Ibraahim
5. Muhammad Abdulkariim (Areedoo)
6. Muhammad Abdullaahii (Koosum)
7. Bakrii Ibraahim (Abbaa Fatoo)
8. Barii Ahimad Baabilee
9. Muhammad Ahimed Umar (koormooso)
10. Muhammad Abdulqaadir Shaltaataa
11. Ahammad Nahaammad Umar( Caalaa)
12. Muhammad Abdullaahii Alii(Muudee)
13. Ahmad Muhammad Muussaaa (Mullata)
14. Muhammad Kabiir Iissaa(Jarjarso)
15. Ahmad Muhammad Usmaan (Daammacaa)
16. Muhammad Saanii Umar (Horoo)
17. Husseen Abbaa Waaqaa(Baale)
18. Jamaal Abdulqaadir
19. Ahmad Iissee
20. Aadam Muhammad Alii(Laafaa)
21. Ahmad Nuur Alii(Arroo)
22. Ahmad Nuur Hassan
23. Abdulkariim Muhammad Ana's(Jifaaraa)
24. Muhammad Sheek Hassan(Nibarbaannaa)
25. Aadam Abubakar(Moluu)
26. Ahmad Muhammad Abdurahmaan
27. Muhammad Ibraahim Waday(Shantam Shubbisaa)
28. Ahmad Nuur Muussaa Na'ee
29. Abdallaa Bakrii
30. Muhammad Alii
31. Ahmad Umar Abdallaa
32. Ahmad Haashii
33. Hajjii Maamoo
34. Ramadan Husseen Kaliil
35. Abdurahman Muhammad Yonis(Tuujii)
36. Ahmad Yuusuf Ibrahim (Turee Leencoo).
Deebana
Ituu Oromoo Post Madda Oddeefannoo fi Beekumsaa ti.
Jaal Hundee(Ahmed Taqii
Click here to claim your Sponsored Listing.
Contact the business
Telephone
Website
Address
Addis Ababa
