Obsakamal

Obsakamal

Share

Obsa #$124456*//Obsa kamal hhtt//qan qee duiniya yutob@

08/07/2025
18/06/2025

Oduu amma Samiin Ni Dhamdhamti” – Maal Dhugaan Jiru?

Har’a halkan keessa, samiin Israa’el ibidda fi dhama’aan guutamtee mul’atte. Kun ta’uu isaati, Iran meeshaa waraanaa gurguddaa – misaa’ila fi drones hedduu – gara Israa’elitti ergee jira.

1. Ittisa Israa’el (Iron Dome) Hojii Jalatti Jirtu
• Israa’el meeshaalee waraanaa kana hamaa ta’an irratti sistama of-eeggannoo isaa cimaa (Iron Dome) fayyadamuun hedduu keessaa balleessee jira.
• Garuu misaa’iloonni muraasni gara magaalaa akka Tel Aviv fi Haifa keessa seenanii miidhaa geessisan.
• Namoota nagaa fi waraanaa irra miidhaan gaheera – du’aas jira jedhameera.
2. Tehran Maal Jette? “Halkan Seenaa Hin Irraanfatamne”
• Teleevizhinii mootummaa Iran akka gabaasetti, weerarri kun “seenaa keessatti halkan hin irraanfatamne” jechuun ibsameera.
• Kun deebii Israa’elitti – waraana irratti xiyyeeffateen deebii cimaa kennuuf jecha taasifame.
• Magaalaa Tehran keessatti raadiyoo fi TV’n yeroo himaa oduu keessaatti ifa fi dhama’aa samiitti argame.
Dhugaan Jiru Maal?
• Samiin ibidda guutame – kun wanta dhugaa dha.
• Weerara Iran fi deebii Israa’el gidduutti, meeshaa waraanaa hedduun bakka hundatti argamanii jira.
• Dorgommiin lola toora lamaanii gara cimaatti seeneera – Israa’el fi Iran yeroo kana toora fuulduraa nagaa irraa fagaataniiru.

28/02/2025

Karaalee ittiin yaada sammuu keenyaa cimsannu.
(The way to Develop your idea!)

1. Sammuun kee waanuma tokkottiyyuu akka hin dhiphanneef of eeggadhu!

Kan sitti himan caalaatti yaada keessa kee jiru itti yaaddee, maddisiiftee, barreessitee, karoorsitee utuu ittiin hojjattee yaada kee gabbifatta.

Namoonni tokko tokko yaada bareedduu utuma ofharkaa qabanii yaada nama kan biraatiin liqimfamanii hafu. Yookiin immoo ani dandeettii hin qabu, namni kan biraa kan ana irra caalu jira jedhanii yaada isaanii ukkaamsu!

2. Namoota yaada keetti si jajjabeessanii fi yaada kee miidhan adda baafadhu!

Beekumsaa fi dandeettii uumamaa kan addaa qabda. Beekumsi nama hundumaa immoo walitti dhufee hojii gurguddaa hojjata.

3. Yaada gaarii maddisiisuu! Yeroo hundumaa yaada gaarii maddisiisuuf of kakaasi!

Yaada gaarii yaaduun sammuu namaa boqochiisa.

Yaada gaarii maddisiisuun jireenya dhuunfaa irra darbee biyya ijaara!

Yaadni namootaa garaagara. Yaada nama kan biraatiin liqimfamuu irra ati hoo maal yaadda? Namni kamiyyuu yaada dhuunfaa mataa isaa qaba.

Yaada namoota hundumaa walitti fiduun yaada moo'ataa fi hojiif nama kakaasu ijaaruun ni danda'ama.

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Asebe Teferi?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Dadar
Asebe Teferi