Sabboonaa sabaa
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Sabboonaa sabaa, Health/Beauty, London.
29/01/2022
WANTOONNI AFUR QANANII IRRAAHI !!!
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Sa’ad Ibni Abii Waqqaas Irraa odeeffammee Rabbi Irraa haa jaalatuu Rasuulli Rabbi Sallallaahu Aleeyhi Wasallam akkana ja’e “ Wantoonni Afur Qananii Irraahi” Hadiisa Kana Ibnu Hibbaan fii Ahmad Gabaasanii Imaamu Albaaniin Sahiiha ja’een, Rabbiin Isaan Hundarraa haa jaaaltuu.
Wantoonni Afuran Qananii jiruu duniyaa tana Irraa Tahan akka Armaan Gadiiti……
1: Jaartii Gaarii
2: Mana Bal’aa
3: Ollaa Gaarii
4: Yaabbii Gaarii
• Jaartiin gaariin raahaa qalbiiti, jaartii gaarii arkanaann jiruun Addunyaa tun gammachuudha, yoo ati aarte si tasgabbeessite, yoo ati mukooyte si tabachiisti, yoo ati beelooyte si nyaachisti, yoo ati dheebootte si obaasti, yoo ati gammadde si wajjiin gammaddi, yoo ati dallante si tasgabbeessitee aara sirraa baasti. Kana Qofaa mitii gaa jaartiin gaariin walumaa galatti Jannata adunyaati jechuun ni Dandahama.
2: manni bal’aan keessummaa sirraa gammachiisa, ilmaan keetu keessa fiigee rahaa itti godha, keessummatu Dhufee haara itti baafata, rakkataatu dhufee irraa faxaree quufa. Walumaa galatti manni bal’aan Qananii jiruu Addunyaa tanarraa isa tokko
3: Ollaan gaariin Ollaa rabbi sodaatu, Ollaa haqa Warra Ollaa isaa kabaju, kan yeroo dhukkubsatan Nama gaafatu, kan akka mana isaatti manaa fii qe’ee siif tiiysu, kan rakkattu waan harkaa Qabu siif kennee rakkoo si baasu, kan hamtuurraa si dhoorkee toltutti si ajaju. Ollaa Gaarii qabaachuun qananii jiruu Addunyaa Irraahi.
4: Yaabbii Gaarii / Mijjooytuu, Yaabbiin gaariin tan ta’aba malee bakka ati barbaadde si geeysitu, tan karaa sitti dheerate siif gabaabsitee Firaa fii aanaa kee wajjiin wal si qunnamsiistu, tan haara si baafachuusti, tan safara dheerate sirraa gabaabsitu.
• Yaa Rabbii keenya wantoota Afuran asii olitti Dabarsine kana hunda nuuf Kennuu, Addunyaa fii Aakhirattiis jiruu gaariin Nu qananiisi.
Barreeffama kana dubbisaatii Share Waliif Godhaa
By: Ibsaa Dhugaa
https://www.instagram.com/ibsaa_dhugaa/
13/01/2022
Bobbaan milkii haatau
==========================
Guyyaa har’aa Obbo Lammaa Magarsaa fi gareewwan biraas dabalatanii Jawaar Mohammed waliin yeroo gahaa fudhachuudhaan marii gaggeessanii jiru . Boru irraa jalqabee hoggantoonni Gaddisaa hoggansa Oromoo dhimmoota adda adda irratti marii gochudhaan kallattii ni kaa'u. Marii qofatu furrmaata . Waldhagayuu qofatu nuu baasa!!! Dhugaadha.
12/01/2022
12/01/2022
Adeemsi araaraa fi dhiifamaa eegalamee Kaampii siyaasaa Oromoo keessatti qaanqeen tokkummaa mul'achaa jiru caalmaatti ifee akka mul'atuuf jaalleewwan keenya hunda waliin maree barbaachisaan haa taassifamu.Team Lammaan gara tokkummaa cimaa duraan turetti deebi'uu qaba.Obbo Dinquu waliinis araarri bu'ee gara biyyaatti deebi'anii hojii isaanii haa eegalan
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
London
