Future of Africa

Future of Africa

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Future of Africa, Health/Beauty, Finfinnee, London.

12/06/2023

Kutaa 5ffaa
Gartuun Qorattootaa ilmaan Tigraay suduudaan Mallas Zeenaawwiin qajeelfamu bool’a keessatti bool’a biraa qotee, dukkana keessatti dukkana biraa qopheessuun hanga qaamni isaanii bututee sammuun isaanii hadoodutti reebichaan hunkuteesse. Dirmammuu qaamaa, madaa onnee fi godaannisa sammuu irraa fayyuu hin danda'amneen kan eele Tasfaahuun Camadaa dhukkubsatee akka hin yaalamne taasifamuun gaafa 24/08/2013 du’aan Addunyaa kana irraa boqate. Qarriffaan bulguu lafee ilmaan Oromoo qulqulluu qorquu barates dhiiga Injinar Tasfaahuun Camadaa qeensee habbuuqqate.

“Bilisa ta’ee dhaladhee, bilisa ta’ee jiraachuu dhorkamus bilisummaa kiyyaaf qabsaawaa du’uu irraa kan na dhorkuu danda’u humni tokkollee hin jiru, hin jiraatuus!” jechuun kan beekamu Injinar Tasfaahuun Camadaa, adeemsa daddagalfataa fi ulfaataa eegale galmaan gahuuf milkii itti dhabee aarsaa lubbuu ilmaan Oromoo kumaatamni Oromummaa isaanii qofaaf kanfalaa turanitti baasuun kichuutti cabee hafuuf dirqame. Haata’uutii gootumaan, qarummaa fi fakkeenyummaan Injinar Tasfahuun Camadaa seenaa qabsoo Oromoo keessatti yommiyyuu cululuqee jiraachuun isaa Dirqama.

Seenaa baruun kudhaama eenyummaa ofiiti. Of argachuun, bu'uura injifannoof akeektuudha.
Madda telegram: magarsaa Qilxuu

12/06/2023

Kutaa 4ffaa
Garuu dubartiin Keeniyaa Lelian jedhamtu tan waajjira CID jedhamu keessatti Officer taate maallaqa harka wayyaa jalaan wayyaanotaan afaan kaahamteef bitamtee ilmaan Oromoo qaroo sabaa turan dabarsitee laachuun abjuu isaanii doomsite. Carraa qulqullummaan hidhaa keessaa bahuuf qabanis jalaa galaafatte.
Haala akkas dabaan xaxameen Injinar Tasfaahuun Camadaa fi Injirner Mesfisn Abbabaa gara Maa’ikalaawwii, qilee lafee Oromoo qaqqaalii qorxomsee ammallee guutuu didee kan biraa dabalachuuf afaan banee taa’utti, kan darbataman. Maa'ikalawwii keessatti waggaa tokko fi ji’a sadii guutuu reebicha fi dararama daangaa hin qabne jalatti qoratmaa bahan.

Yakka dharaa miseensummaa ABOtiin himatamee jireenya mana dukkaanaa waggaa fi ji’a sadiin duubatti Adoolessa bara 2008 mana murtiitti kan dhiyaate Tasfaahuun Camadaa, gaafa 31/03/2010 dhaddacha barcuma ilmaan Tigraayiin guutameen murtii hidhaa umurii guutuun akka hidhamu itti murteeffame. Du’a isaa arguun malee murtii kamiinuu quufuu kan hin dandeenye mootummaan wayyaanees, gaafa 04/04/2011 mana hidhaa keessaa milquuf karoorfataa jirtu jedhee sobaan yakkuudhaan Masfin Abbabaa fi Tasfaahuun Camadaa mana hidhaa keessaa ukkaamsee ciraa dhabamsiise.

12/06/2023

Kutaa 3ffaa
Haaluma kanaanis Tasfaahun Camadaa fi Mesfin Abbabaa yakka dharaa maqaa shororkeessummaan faaluun gargaarsa mootummaa Keeniyaatti dhimma baatee ukkaamsuun sababa shororkeessitoota gaanfa Afrikaa Finfinneetti qoranna jedhuun (JATT East African Main Branch Investigation in Addis Abbaba) akka dabarfamanii isheef laataman gochuu dandeesse. Injinar Tasfaahuun Camadaa fi Injinar Masfin Abbabaas gaafa 12/05/2007 halkan keessaa sa’aatii 2:00 tti harkaa fi ija hidhamanii Moyyaaleerraan Itoophaatti dabarfamanii kennaman.

Biyyatti dabarfamuun duratti ammoo gaafa qabaman 27/04/2007 irraa kaasee hanga gaafa 12/05/2007 tti (National bureau of Investigation-NBI) head office naannoo Tirm Valley jedhamu jiru keessatti qorattoota FBI Amerikaa fi Keeniyaa Anti-Terror Police Unit jedhamaniin qoratamaa turan. Eerga qormaata isaanii xumuranii booda dursaan qorannoo kanaa namni Fraansis jedhamus dargaggoonni ukkaamfaman kun yakka shororkeessitummaa waliin wal qabatu tokkollee kan dalagan waan hin qabneef mootummaan Keeniyaa akka dafee gad isaan lakkisuu qabu murtii dabarse.

12/06/2023

Kutaa 2ffaa
Sababaa shakkii fi jibbinsa Wayyaneen ilmaan Oromoo qaroo irratti qabdu irraa Tesfahuunisi dararamni itti baayyatuu irraan fi lubbuun barbaadamuu irraa biyya lakkisee jalqaba bara 2005 gara Keeniyaatti baqachuuf dirqame. Keeniyaa magaala Naayiroobiittis dhibdee fi dararaa hojjetee jiraachuuf isa rakkisee, biyyaa bahuuf murtii isa fudhachiise waajjira Mootummoota Gamtoomanitti Koomishinera Ol’aanaa Dhimma Baqattootaa (UNHCR)tti himachuun, nama nagaa roorroo dheessee nageenya ofiif dahannaa gaaafatu ta’uun gaafa mirkanaa’u waraqaa jireenyaa fi sochii UNHCR irraa argatee ture.

Haa tahu malee sababaa gahaa fi qabatamaa osoo hin qabaatne gaafa 27/ 04/2007 walta’iinsa mootummaa Keeniyaa fi Wayyaneetiin waahila isaa hireen baqattummaa waliin isaan irra geesse, Injinar Masfin Abbabaa Abdiisaa waliin ukkaamfaman. Dhaaba gaaddidduu mootummaa Ameerikaan hundaa’e biyyoonni akka Ugaandaa fi Keeniyaafaa miseensa itti ta’an, Joint Anti-Terrorism Task Force (JATT) jedhamu keessatti miseensa kan taate Itoophiyaan dahoo maqaa shororkeessitummaa adamsuu jedhuun ilmaan Oromoo baqattummaan biyyoota ollaa ishee jiraatan ukkaamsaa jiraachuun ishee beekamaa dha.

12/06/2023

Kutaa 1ffaa
INJINEER TASFAAHUN CAMADAA GURMEESSAA (1976-2013)

Haa dubbisnu, Seenaa haa barru, dhalootaaf katabnee seenaa haa dhaalchisnu!

Injinar Tasfaahuun Camadaa abbaa isaa Obbo Camadaa Gurmeessaa fi harmee isaa Aadde Giddinesh Beenyaa irraa bara 1976 tti godina Horroo Guduruu Wallaggaa , aanaa Guduruu, ganda Harbuu jedhamutti dhalate. Tasfaahuun, carraa dhiphoo ilmaan Oromoo waanjoo gabrummaa jala jiraatanii barachuuf qaban argatan keessaa nama tokko ture. Umuriin barnootaaf isa gahees barumsa isaa sadarkaa tokkoffaa fi gidduu galeessaa mana barumsaa Looyyaa fi Finca’aatti barachuun, kan sadarkaa lammaffaa ammoo magaala Shaambootti itti fufee bara 1996 xumure.

Qabxii olaanaa galmeessuun Yuunvarsiitii Finfinnee seenee gaafa Adoolessa bara 2001 Digrii jalqabaan (BSc) Civil Engineering eebbifame. Erga eebbifameen booda; Fulbaana bara 2004 hanga Amajjii bara 2005 tti supha daandii Arsii- Baalee, projektii Abbaa Taayitaa Daandii Baadiyaa Oromiyaa fi projektii gamtaa misooma baadiyaa Arsii- Baalee Ityoo Xaaliyaaniin durfamu ‘unit’ manaajerummaan; Projektii daandii Dagalee-Birbirsaa RR50 (regular project in Salle-Nonno District in extreme South-west of Ilu-Abba-Bore Zone);
Projektii daandii qubatiinsaaf afur si’a takkaan deemaa turan: Kone-Cawwaaqaa, Baddallee-Kolosirri, Gachii-Catee fi Yaanfaa- Ballattii; Akkasumas ijaarsa waajira aanaa Cawwaaqaa magaalaa Iluu-Hararitti bu’uureffame projekti manaajerii ta’uun yoo dalagu; Onkoloolessa bara 2001 hanga Adoolessa bara 2003 tti ammoo projektii Siree-Nuunnuu-Arjoo RR50 godina Wallaggaa ‘site engineer’ ta’uun, Tasfaahuun Camadaa saba isaa tajaajilaa ture.

25/05/2023

Africa was the Oromo kingdom

"Early Egyptologists had to first study Afaan Oromo in order to understand Ancient Egyptian or Kemet hieroglyphics. Similarly, early Assyriologists had to study Afaan Oromo in order to decipherer Babylonian cuneiform writing system.

Moreover, comparative theologians used Afaan Oromo and culture to understand the origin of major religions of the world. Early African travellers, too, were convinced that Afaan Oromo was not only the lingua franca of Africa up until 19th century CE, but was possibly the language of the Ancient Egyptian, Ancient Nile Valley or possibly even of Hittite from which was Indo-European languages emerged as offshoot.

But, how come that Afaan Oromo is reduced today to even below the regional, Oromiya, working language level in its status? Adopting an Africology and evolutionary linguistics perspective, this study shall exploit classical and contemporary archives and explore the etymological, epistemological, literary, theological and relational power of Afaan Oromo in explaining Africa’s pre-history as well as classical, medieval and modern era Africa."

The Power of Afaan Oromo as a Device for Explaining Africa's Prehistory .
Dr Dereje T A D E S S E Birbirso

Notes:- The Africa largest tribe Bantu or Batu split from the Oromo Nubia in 3000 BC and settled in northern Cameron River. From this spread to south and east Africa and occupied 3/4 land of Africa.

Some historians said that the Bantu or Batu tribe split from Egyptian. Either Egyptian or Nubia people were Oromo the grand nation of Africa. In Oromo language Bantu mean 🔐 "key" . Batu mean full 🌕 moon. All names of the Bantu tribes are from Oromo.

Source, Lima Foxtrot Foxtrot
About the Egyptian Oromo see evidence from attached in comment section.

22/05/2023

"Dubbii Diroonii
==========>
RIB akkamitti magaalaa WBO'n to'atee jiru dirooniidhaan rukutti?
Odeessa qabatamaa keessoo bilxiginnaatii baate.
RIB lola lafootiin injifatamuun isaa yeroo hubatamu magaalaa gadi dhiisee ni baha. Yeroo kanatti dirooniin qileensarraan deeggersa waraanaaf ni dhufti.
Qaama sadiitu walqunnamee tarkaanfii fudhata.
1. Oppireetera diroonii buufata Bishooftuu jiru.
2. Ogeessa GPS RIB waliin dirrer lolaa jiruu fi
3. Diroonii diree lolaa samii irra jirtu.
==>RIB of eeggannoo miseensa isaatiif jecha dursee oppireetera diroonii Bishoftuu jiru 'GPS' fi bilbilaan beeksisee, iddoo beekamaa akka gaaraa ykn tulluu wayii akkasumas bataskaana, mana barnootaa fi bosona wayii ykn kaambii tokkotti fi kkf magaalaa irraa fagaatee jiru iddoo diroonii irraa bilisa taate qubatee jiraachuu ni beeksisa.
RIB naannawa dirree lolichaa jiru keessa ogeessi GPS bilbilaan oppireetera diroonii Bishooftuu jiru qunnamee haala mijeessa.
Dirooniinis akkuma dirree lolli jiru dhufteen boombii hin darbattu.
Osoo boombii hin darbatiin bakka lolli deemaa jiru irra naannoftee kaartaa fi suuraa qubsuma WBO kaafti.
Ragaa walitto qabdee oppireetera Bishooftuu jiruuf suuraa fi viidiyoo WBO itti buttee ykn 'ZOOM' gootee odeessa kenniti. Ogeessi GPS kan RIB faana jiru ammoo "baatirii Chaayinaa baayyee iftu kan suuraa isaa armaan gaditti argitan maqaan isaa 'Jie Supper' jedhamtu gara samiitti ol qabee diroonittii samii keessa balaliitutti ibsee bakka tasiimowaa (Strategic Position) ofii, jechuun kan RIB namicha oppireetera diroonii buufata Bishooftuu jirutti agarsiiisa. Oppireeterri Bishooftuu jirus erga teessoo RIB mallattoo kanaan adda baafatee booda waraanni naannawa akkasii jiru kun ammoo kan eenyuuti jedhee ogeessa GPS dirree lolaa jiru bilbilaan gaafata. Kana booda yoo ogeessi GPS, waraanni ati zuumii dirooniitiin argitee na gaafatchaa jirtu kun waraanaa diinaati (OLA) dha yoo jedheef oppireeterri Bishooftuu jiru 'mouse/remote control' kan kompiitera isaa ni cuqaasa.

17/05/2023

Abiy gurraa hootuu Magaalaa keessa naannoftee WBO jedhaa oltuuf akka feete Xobbiyaa keessa naannoftu caal jadhee waan ilaalu sitti fakkaataa? Abiy ishee kaan ofiima karaa tika OPDO ergatee itti fayyadama kaan ammoo aangoo isaatti yaaddoo akka hin taane beekaaf ilaala.

Warrii akka gootaa magaalaa keessa naannoftee barooddu harki caalaa Tika waliin dalagdi, seenaan ishiis kanuma. Ka natoo qaban kaan adamsanii ajjeesan kaan mana hidhaatti guuran. Inni hojiitti jiru ammoo waca hin baayyisu. Mataa gadi qabatee dirqama isaa bahatutti jira.

Tikoonni amma jiran hangam Oromoon akka hin dammaqqin waan beekaniif Social Media irraa wacanii sirna Abiyyi jabeessaa jiru kana waan morman fakkaatu, Oromoon dhugaa sehee gaafa iccitti itti gadi guuru ammoo harka lafa jalaan funaansisanii dhabamsiisu.

Abiyyi Gowaa miti, Tika ijoollummaa kaasee shiraan guddatedha, eenyu maal akka tahe qajeelchee beeka. Geetaachoo Asaffaafaa faana seelii tikootaa ergamaa bahan kan ijaare isaf waahiloota isaati. Har'as warra kaayyoo isaaf fayyadan alatti gadi dhiisee warra adeemsa isaatti danqa tahan duguugsiiseera.

Oromoon harki wayyabaa ammallee waan xixiqqoo akkanaa dammaquu dadhabuun hamilee nama buusa.
Telegram: DOS

07/05/2023

Kolonii Kolonelootaa
**
Seenaa Fonqolcha Mootummaa Addunyaan kun qabdu harki sagaltamni (90%) kolonelotaan raawwatame. Jeneraalonni abbaa urjii shanii Osoo jiranii kolonelonni maaf barcuma masaraa humnaan butu? Deebiin isaa gabaabadha. Jeneraalonni Muudamtoota siyaasaati. Masaraa irraa fayyadamtoota. Hojiilee teknikaa fi opireeshina dirree obbafatanii hojii Biiroo fi siyaasatti ol deebi‘aniiru. Faayidaan diinagdee eegamaafiidha.
Kolonelota Giriik (Greek juntas of 1967 ) masaraa weraran irraa jalqabee kan mootummaa qawween qilee kaaye koloneelota.
-Mangistuu H/Maaram Koloneela. Humnaa Mootii gonfoo kuffise. Haga qawween gugsamutti diktaatara ofgahaa ture.
- Gadafiin Koloneela. Humnan Angoo qabate. Haga Humnaan bu‘utti cichee lolate. Gadafiin Humnaan erga kufee, anmas Libiyaa Raasaa kan jiru koloneela.
-Nijeer kan Fonqolchaan angoo qabate koloneela.
- Alsisiin Har‘a Masrii (Egypt) bulchu Koloneela. Humnaan Angoo qabate. Filannoo marsaa lama acabarbareera. Ammas wanti Isa sochoosu jira hin fakkaatu.
- Musa Bahiin Somaliland waggaa 32 ol bulchaa jiru Koloneela. Humnaan Ziyad Barree harkaa biyya fottofkate. Haga ammaa niqniq hin jenne.
- Ben Ali, kan barcuma Tunisiyaa butee bulchaa ture Koloneela. Humna ummatatiin haga 2011 fonqolchamutti jechuudha.
- Bara 2021 keessa qofa Biyyoota Afrikaa Sadi keessatti Fonqolcha Milkaahaa kan gaggeesse koloneelota. Biyya Chad 🇹🇩, Mali 🇲🇱, fi Guinea 🇬🇳.
- Koloneela. Koloneela wayyaanee Fonqolchuu dadhabe. Hatattama humni ummataa wayyaanee fonqolchetti, bifa salphaa ta‘een ummata fonqolche. Ummata harkaa angoo butate. Koloneela araadaa isa cillix jedhe.
Karaa irra dhufeefi hiccitii koloneelotaa waan beekufis, koloneelota rashanee rashansiiseera. Yaadattu yoo ta‘e waraabbii sagalee Mana Waraanaa keessaa Lola Kaabaa irratti OMNf ergame tokko keessa, Koloneelota 200 ol kan “Sabotage” dhaan shakkaman rashanamaniiru.
Koloneloonni amma jiran kan xinsammuu isaatiin ijaaramanidha.
Madda: telegram magarsaa qilxuu

03/05/2023

Walumaagalaatti injifanneerra!

*WBOn akka jaarmiyaa hin qabneef akeeka siyaasaa hin qabneetti firriif diinni hololaa turtee kufteetti.

*Ajandaan karaa qabsoo hidhannoo dhufuu kan dur mandaraa keessatti warraa maqaa abbootii Gadaaf haadha siiqqeen deemaniif kaadireen burjaajiin uumamaa turee kanaa booda bakka kaabineen hin dhaqqaabneetti ol hiiqfamee fannifameera. Kana booda kan waraaniichi jedheef fedhee qofaatu tahaa.

*Dhimmaa lolaa Oromoof Itophiyaa gidduutti deemaa jiruu kana booda kan gama Oromoon waan jiruu itti jiruu WBO kan boba'aa jiruu qofa tahuu hubatameera.

*Akka jedhamee gaaffiin WBOn qawwee itti baataa jiruuf gaaffii bu'uuraa kan mataa dhukkubbii impaayerichaa taheef sun deebii argatuu malee nagaan gaanfa Afrikaa handaara Galaana diimatti akka hin argaamne Adiin afaan galuufi danda'uun dhageessetti!

*Itophiyaan Oromoo ijaaramee jabaatee nagaan jiraatu akka argaa hin feene ifaatti muldhisanii jiruu.

Impaayera tanarraa waan gaarii eegnee osoo hin taane waan yaadamee hirmaannaa nagaaf karrii banamee 100% argameera! Injifachuu jechuun tokkoo hubaannoo addunyaan nuuf qabduu kan dabaa turee ifaatti dhugaa oromoo muldhisuuf carraan argamee bareeda.

Kanarraa kan hafee Itophiyaa rakkootu kanaatti ishii fidee nutiis rakkoo kana caalu itti tahuun goolabuun gahee saba bilisummaa dheebooteeti!

Jaawwii Jiillee irraa kan fudhatame

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in London?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Finfinnee
London